‎Itoophiyaan aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun seenaa irra deebin barreessuuf qophaa’aa jirti

You are currently viewing ‎Itoophiyaan aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun seenaa irra deebin barreessuuf qophaa’aa jirti

‎AMN PLUS- Adoolessa 23, 2018

‎Itoophiyaanonni kaayyoo waloof dhaabbachuun aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf qophii xumuraniiru.

‎Lammiileen sagantaa biqiltuu miiliyoona 800 Aduu tokkotti dhaabuuf Adoolessa 27 bara 2018 bellamatanii qophaa’aniiru.

‎Ganna kana sagantaan Ashaaraa Magariisaa mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun hirmaannaa ummataa olaanaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, kanas Itoophiyaanonni mul’ata waliinii fi irree gamtoome kaayyoof kan agarsiisan ta’uu ibsameera.

‎Bara darbe Itoophiyaanonni Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 guutuu biyyattiitti dhaabuun seenaa addunyaa galmeessisuun ni yaadatama.

‎Karoorri bara kanaa Aduu tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuun milkaa’ina biyyaalessaa sadarkaa itti aanutti kan ceesisu yoo ta’u, uummanni tokkummaa waloo fi kutannoo eegumsa naannoo irratti qabu irra deebi’ee kan mirkaneessu akka ta’es eerameera.

‎Bara 2011 irraa eegalee Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyattiitti biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuun uwwisa bosona biyyattii gara % 23.6tti ol guddisuun isaa ni yaadatama.

‎Waqtii gannaa baranaatti walumaa galatti biqiltuu biliyoona 8 ol dhaabuuf karoorfamee raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, Finfinnee qofatti biqiltuu miiliyoona 6 ol dhaabuuf karoorfame keessaa haga ammaatti biqiltuu miiliyoona 4 ol dhaabuun akka danda’ame ibsameera.

‎Sagantaan Ashaaraa Magariisaa galmoota misoomaa yeroo dheeraa biyyattii waliin kallattiin kan walqabatu yoo ta’u, tattaaffii kunuunsa biyyee fi bishaanii cimsuu, itti fayyadama jallisii babal’isuun wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuu, akkasumas hojiilee qonnaa ammayyaa jijjiirama qilleensaa wajjin walsimsiisuu danda’an of keessatti kan hammate akka ta’e ifoomeera.

‎Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaatti hojiirra oolaa jiru biyyattiirra darbuun biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo gaarii ta’aa akka jirus ibsameera.

‎Miseensonni hawaasa dippilomaasii fi dhaabbilee idil addunyaa teessoo isaanii Finfinnee ta’e sochii biyyaalessaa guddaa kana irratti hirmaachuun ashaaraa isaanii kaa’aa jiru.

‎Gaafa l Adoolessa 27 bar 2018 Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Itoophiyaanonni sagantaa seena qabeessa kana irratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply