Beellama aduu tokkoon biqiltuuwwan Miliyoona 800 dhaabuu Itoophiyaanotaa – Wiixata 27/2018

You are currently viewing Beellama aduu tokkoon biqiltuuwwan Miliyoona 800 dhaabuu Itoophiyaanotaa – Wiixata 27/2018

AMN PLUS – Adoolessa 24/2018

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun barana gaggeeffamaa jiru kuni hojiiwwan eegumsa naannoo fi ittisa jijjiirama qilleensaa keessatti tattaaffi mootummaa fi ummanni waloon raawwachaa jiran kan calanqisiisu akka ta’e ibsameera.

Sochii sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiin guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf qophiin bal’aan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, mul’ata kana galmaan gahuuf guyyoota sadeen hafan keessatti hojii seenaa ta’e kana milkeessuuf mootummaa, dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa, akkasumas lammiileen bal’aan qophii isaanii xumurachaa akka jiranis eerameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan bu’aa gaariin argamuu ragaan kan agarsiisu yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biliyoona 48 ol dhaabamuu akka danda’ames eerameera.

Kunis karoora magariisummaa biyya keessaa qofa osoo hin taane, hojii jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti Itoophiyaan tarkaanfii cimaa kan fudhatte ta’uu kan agarsiisu akka ta’es ibsameera.

Biqiltuun waggoota darban keessatti dhaabaman qilleensa keessatti gaazii kaarboonii hir’isuun ho’a addunyaa dabalaa jiru to’achuuf shoora olaanaa taphachaa jiraachuu kan kaasan ogeeyyonni, bosona dabaluun qilleensa qulqullina qabu uumuun, sirna roobaa deeggaruun fi jireenya uumamaa tiksuun bu’aa yeroo dheeraa kan qabu akka ta’es ibsaniiru.

Gama eegumsa naannootiinis biqiltuu dhaabuun lolaan haramiinsa biyyee hir’isuu, maddeen bishaanii eeguu, lafa gogaa ture deebisee magariisa taasisuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf bu’uura cimaa kaa’aa akka jirus akeekameera.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa mootummaa fi lammiilee qofa osoo hin taane, mootummaa fi dhaabbilee idil-addunyaa birattis xiyyeeffannoo guddaa argateera. Karoora bal’aa yeroo gabaabaa keessatti biqiltuu biliyoonaan lakkaa’amu dhaabuun danda’amuu isaatiin, Itoophiyaan hojii naannoo eeguu keessatti fakkeenya gaarii biyyoota hedduuf ta’uun ibsamaas jira.

Milkaa’ina sagantaa kanaa keessatti hirmaannaan lammiilee murteessaa kan ta’e, daa’imman irraa eegalee hanga maanguddootaatti, barattoota, hojjettoota mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa naannoo fi hawaasni bal’aan fedhii fi kutannoodhaan hojii dhaabbii biqiltuu keessatti hirmaachaa jiru.

Hirmaannaan kun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, hojii dhalootaaf dhaalamu akka ta’es hubannoo guddaa uumeera.

Kana malees, sagantaan kun mootummaa fi ummata gidduutti hirmaannaa waliinii cimsuun, kaayyoo tokkoof waloon hojjechuun bu’aa guddaa akka argamsiisu agarsiiseera.

Tokkummaa lammiileen mul’isan hojii guddaa yeroo gabaabaa keessatti raawwachuun akka danda’amu amantaa fi hamilee haaraa uumaa jiraachuus argaa ijaatu ragaadha.

Kaayyoo guddaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa magariisummaa biyya guddisuu, jijjiirama qilleensaa hir’isuu, qabeenya uumamaa eeguu,wabii nyaataa cimsuu fi dhaloota dhufuuf naannoo waaraa dhaalchisuudha.

Guyyaa dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa baranaa milkeessuunis kaayyoo kana gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuuf guyyaan isaa eegama jira.

Wiixata dhufu Adoolessa 27/2018 ashaaraa keenya haa keewwannu!

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply