AMN PLUS- Adoolessa 25, 2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) taateen Waxabajjii 15 seenaa siyaasaa biyya keenya keessatti godaannisa guddaa dhiisee darbe jedhan.
Taatee hamaa Waxabajjii 15 ajjeechaa anga’oota Olaanoo irratti raawwatame ilaalchisee ibsa kan kennan Ministirri Muummeen, seenaa jal’isanii dhiyeessuun dhaloota boruuf hojii irraa hafaa fi mootummaa guddaa ta’e akka ta’u dubbataniiru.
Namoota jijjiirama fiduuf ciminaan hojjetaa turan keessaa hedduu kan dhabne, mootummaa fi humnoota siyaasaa gidduutti wal-amantaa kan laaffise, akkasumas aadaa aangoo humnaan argachuuf taasifamu akka jabaatu kan godhe taatee ture jechuun ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waa’ee guyyaa sanaa fi shira raawwatamees yaadachiisaniiru.
“Guyyaan sun Sanbata ture. Akkuma odeeffannoo dhagaheen miidiyaaleen ummataaf ibsa kennuuf akka waamaman taasiseera” jedhan.
Faanaa fi Ebc galgala sana saffisaan gahuu hin dandeenye. Garuu AMECO’n 4 Kiiloo dhihoo waan tureef saffisaan gahe.
Ibsa sana mana koo taa’ee AMICO’f kenne. Booda garuu, “Bahaar Daar keessa taa’ee ibsa kenne” jechuun olola shira irratti hundaa’e hafarsaa turan jechuun yaadachiisaniiru.
Taateen kun barnoota guddaa nu barsiise keessaa tokko, seenaa sirnaan galmeessuu dhabuu fi jal’isuun har’a qofaaf osoo hin taane dhaloota boruufis rakkoo guddaa akka kaa’u dubbataniiru.
Namni ajjeesee fi namni ajjeefame walqixa “goota” jechuun dhiyaachuun seenaa cabsuu ta’uu fi kun dhaabachuu akka qabu cimsaanii hubachiisaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e