AMN PLUS-Adoolessa 27/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaanotni kutannoofi xiiqiin hojjechaa jiran duubdeebii kan kennu har’a osoo hin taane bori tahuu ibsan.
Dooktar Abiyyi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Aduu Tokkoon Biqiltuu Miliyoona 800 Dhaabuu ilaalchiisuun ergaa dabarsaniin kan amma hojjechaa jirru har’aaf osoo hin boriif tahuu hubannee Itoophiyaanotni akkuma waggoota darbanii kutannoofi xiiqiin hojjechuun karoora qabame milkeessuun warra seenaa haa taanu jechuun dubbataniiru.
Bu’uurarraa hojjechuun dhaloota itti aanuuf waa ka’uuf hojjenna kan jedhan Dooktar Abiyyi biqiltuun abdiidha, nutis abdii dhaabaa, dhalootaaf haala mijataa uumaa, Itoophiyaa uwwisaa jirra jedhaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan aadeffattee cichoominaan hojjechaa jirtu Ardiifi Addunyaaf fakkeenya taha jiraachuus eeruun baay’een maqaa Itoophiyaa fakkeenyummaan kaasaa jiraachuus eeraniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa badhaasota Idil Addunyaa argamsiisurra darbee konfiraansiiwwan Idil Addunyaaa Itoophiyaan akka qopheessituufillee sababa ijoo tahuu danda’us kan eeran Dooktar Abiyyi COP-32ffaa sagantaa jijjiirama qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffatu qopheessuuf imalarra jiraachuus hubachiisuun kanaaf ammoo maqaa keenya akka addunyaan beekuutti hubachiisuuf har’a hojjechuun nurra jiraata jedhaniiru.
Dooktar Abiyyi konfiraansii Idil Addunyaa kanarratti keessummootni Addunyaa Kuma 80 Hanga Kuma 100 ni hirmaatuu akeekuun waltajjii guddaa biyyoota Sahaaraa gadiif keessummaa tahe kana qopheessuuf Itoophiyaan carraa argachuu ibsuun ajandaa guddaa kana qabatamaan agarsiisuuf kutannoon hojjechaa jirra jedhaniiru.
Hojiin Itoophiyaa ijaaruu itti fufaa kan kaasan Dooktar Abiyyi harka walqabannee hojjechuun bu’aa qabatamaa akka fidu Addunyaatti agarsiisuu akka dandeenyu abdiin qabaan kaasaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) haala waliigalaan hojiin hojjechaa jirru ijoollee keenyaaf waan hiika qabu tokko keenyee darbuuf gargaaraa eeruun mukti dhaabnu har’a osoo hin taane bori nyaata, gaaddisa, miidhagina tahuurra darbee eegumsaafi kunuunsa naannoof wabii tahuullee hubachiisaniiru.
Karoora qabanne milkeessuuf Itoophiyaanotni kutannoofi xiiqiin hojjechaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Abiyyi Abdii Haa Dhaabnu,sagantaa aduu tokkoon biqiltuu Miliyoona 800 dhaabuu cimnee irra deddeebiin dhaabuun seenaa haa hojjennu jechuun Itoophiyaanotaa ergaa dabarsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e