AMN PLUS – Adoolessa 27/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) karoora aduu tokkoon biqiltuu Miliyoona 800 dhaabuuf eegalle milkeessurra darbinee seenaa haaraa galmeessuu qabna jedhan.
Dooktar Abiyyi waaree boodas Tulluu Eekkaarratti biqiltuu erga dhaabanii booda haala waliigalaa oolmaa guyyaa har’aa hanga sa’atii kanaatti jiru akka ibsanitti lammiileen Miliyoona 21 ol hirmaachuun biqiltuun Miliyoonni 650 ol harka Itoophiyaanotaan dhaabamuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee ergaa isaaniitin dadhabbiin duuba boqonnaa gaariin akka jiru ibsuun ofii isaanillee kutannoofi xiiqiin dhaabaan jiraachuu ibsuun Itoophiyaanotni hundi bakka jirtanitti biqiltuu dhaabaa jechuun dubbataniiru.
Dooktar Abiyyi sa’atii hafee keessatti karoora aduu tokkoon biqiltuu Miliyoona 800 milkeessuu ni dandeenyaa kaasuun garuu kutannoo hunda keenyaa barbaada jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) har’a hojiin guddaan Itoophiyaanotarraa eegamu biqiltuu dhaabuu tahuu hubachiisuun ani bakkan jirtutti kutannoofi xiiqiin biqiltuu dhaabaan jira! Isiniis bakka jirtanitti biqiltuu dhaabaa jechuun lammiilee biyyattiif imaanaa gudunfaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e