Misoomaafi guddina Itoophiyaa hunda galeessa ta’e itti fufsiisuuf Ashaaraan Magariisaa gahee olaanaa qaba – Sheek Hajii Ibraahim Tufaa

You are currently viewing Misoomaafi guddina Itoophiyaa hunda galeessa ta’e itti fufsiisuuf Ashaaraan Magariisaa gahee olaanaa qaba – Sheek Hajii Ibraahim Tufaa

AMN PLUS – Adoolessa 27/2018

‎Misoomaafi guddina Itoophiyaa hunda galeessa ta’e itti fufsiisuuf sagantaan Ashaaraa Magariisaa gahee olaanaa fi murteessaa akka qabu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaa ibsan.

‎Sheek Hajii Ibraahim Tufaa Magaalaa Adaamaatti, Aanaa Awaash Malkaasaa keessatti argamuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoon raawwatame irratti hirmaatanii biqiltuu dhaabaniiru.

‎Sagantaa kana irratti hoggantoonni Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee, Itti Aantootni Komishinaroota Komishinii Invastimantii Itoophiyaafi keessummoonni garaagaraa argamuun biqiltuu dhaabaniiru.

Sheek Hajii Ibraahiim Tuufaan”Har’a kan dhaabnu biqiltuu qofa osoo hin taane, tokkummaa, jaalala, nagaa fi waliin jireenya gaarii dhaabaa jirra” jedhan.

‎Akkasumas haala qilleensaa Itoophiyaa eeguuf biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, biqiltuu dhaabame kunuunsuunis hojii mootummaa fi uummata irraa eegamu ta’uu hubachiisaniiru.

‎Komishinar Itti Aanaa Komishinii Invastimantii Itoophiyaa Obbo Daagaatoo Kumbee gama isaaniitiin, guyyaan har’aa guyyaa ciminaa fi kutannoo uummata Itoophiyaa addunyaatti mul’isu ta’uu ibsaniiru.

‎Biqiltuun miiliyoona 800 har’a dhaabamu keessaa kaarboonii gadi lakkifamu hir’isuu fi miidhaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply