‎AMN kalaqaafi teekinooloojiin of cimsuun damee miidiyaa Itoophiyaa keessatti dorgomaa cimaa ta’eera – Obbo Solomoon Dibaabaa

You are currently viewing ‎AMN kalaqaafi teekinooloojiin of cimsuun damee miidiyaa Itoophiyaa keessatti dorgomaa cimaa ta’eera – Obbo Solomoon Dibaabaa

‎AMN PLUS-Adoolessa 29/2018

‎Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Addis Miidiyaa Neetwoorkii Obbo Solomoon Dibaabaa, AMN yeroo ammaatti adeemsa hojii gaarii irra akka jiru ibsuun, milkaa’ina argame itti fufsiisuuf kalaqaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.

AMN raawwii hojii bara 2018 gamaggamuun hojjettootaafi hoggantoota raawwii Olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenneera.

‎Jijjiirama saffisaa damee miidiyaa keessatti mul’atu waliin wal-simuuf yaada haaraa fi kalaqa hojii keessatti cimsuun dhaabbatichi caalaatti tarkaanfachiisuu akka barbaachisus Obbo Solomoon ibsaniiru.

‎Itti Aanaan Hojii Raawwachiisaa Olaanaa fi Ittigaafatamaan Damee Televiizhiinii Obbo Xilaahun Kaasaa gama isaaniin, AMN hojii waggoota darban keessatti hojjeteen miidiyaalee biyya keessaa adda duree ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

‎Dabalataanis, dhaabbatichi dorgomaa cimaa ta’ee damee miidiyaa keessatti imala isaa itti fufee akka jiru eeruun, qulqullina tajaajilaa, saffisa odeeffannoo fi kalaqa cimsuun sadarkaa olaanaa irra ga’uuf hojjechaa akka jirus akeekaniiru.

‎Gamaggama har’aa kanaan hojiiwwan bara 2018 keessa raawwataman bal’inaan dhiyaatanii kan gamaagaman yoo ta’u, filannoo waliigalaa biyyaalessaa 7ffaa milkeessuuf hojii odeeffannoo fi hubannoo uumuu irratti uwwisa bal’aan kennamuun ibsameera.

‎Hojii Komishinii Marii Biyyaalessaa, misooma qarqar lagaa, misooma koriidarii, misooma damee turizimii fi qonnaa magaalaa irratti raawwataman hawaasa biraan gahuu keessatti AMN hojii olaanaa hojjechuun eerameera.

‎Dabalataanis, hojii malaammaltummaa ittisuuf taasifamaa jiru, dhiyeessii oomishaa fi tasgabbii gabaa waliin walqabatan, akkasumas yaa’iiwwan Afrikaa fi idil-addunyaa Finfinneetti qophaa’an irratti uwwisa bal’aan kennamuunis ibsameera.

‎Oduu, qophiilee adda addaa, dokimantarii, diraamaa fi sagantaalee bashannanaa dabalatee qophiileen garaagaraa baay’inaan qophaa’anii ergama dhaabbatichaa milkeessuuf hojii bal’aan hojjetamuu isaa gabaasni kun ni mul’isa.

‎Marii irratti hirmaattonni yaada isaanii keessatti, jijjiirama saffisaa damee miidiyaa keessatti mul’achaa jiru waliin wal-simuuf AMN teeknooloojii ammayyaatti caalaatti fayyadamuun dandeettii dijitaalaa isaa cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.

‎Dabalataanis, qulqullina qophiiwwanii guddisuu, saffisa odeeffannoo fooyyessuu fi fedhii hordoftootaa irratti xiyyeeffachuun hojii bara 2019 keessatti ciminaan itti fufuu akka qabanis yaada isaanii ifoomsaniiru.

‎Shuumii Badhaasootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply