AMN PLUS – Adoolessa 29/2018
Dargaggootaafi dubartoota dabalatee jiraattotni Finfinnee harka walqabachuun namoota humna hin qabne deeggaruurraa hanga biqiltuu dhaabuudhaan magaalatti jireenyaaf mijattuufi miidhagduu taasisuu kutannoon hojjechaa jiru.
Hojiin tola ooltummaa jireenya hawaasummaa yeroo cimsu Ashaaraan Magariisaa ammoo qabeenya uumamaa eeguufi kunuunsuun magaalaa roga maraan hawwattuu taate uumuu keessatti qooda qaba.
Sagantaa tola ooltummaa waqtii kanaa magaalattiin gaggeessaa jirtu kutaaleen hawaasaa humna qaban warreen humna hin qabne deeggarsas barbaadaniif deeggarsa namoomaa kallattii garaagaraan taasisaa jiru.

Dhaloota biqiltuu dhaabuun kunuunsu kan horatte Finfinneen har’a hojii ashaaraa magariisaa kutannoofi xiiqiin hojjechaa turteefi jirtuun qulqulluu, miidhagduufi hawwattuu akka taatu shoora mataasaa qabaateera.
Haala waliigalaatiin tajaajila tola ooltummaa waqtii gannaa hanga misooma ashaaraa magariisaa milkaa’ina Finfinnee duuba hoggansa sadarkaan jirurraa eegalee kutaaleen hawaasaa garaagaraa harka hojjetu qaban hiriiruun hojjechaa jiraachuu agarsiisa.
Fireehiwoot Birhaanuutiin qindaa’e