Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa: Afrikaatti Biyya Avokaadoo Erguun Sadarkaa Lammaffaa Qabatte

You are currently viewing Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa: Afrikaatti Biyya Avokaadoo Erguun Sadarkaa Lammaffaa Qabatte

AMN PLUS – Adoolessa 29, 2018

Sagantaan “Ashaaraa Magariisaa” bara 2011 kaasee itti fufiinsaan hojiirra oolaa ture, Itoophiyaa magariisa uwwisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii sharafa alaa guddisuurrattis bu’aa guddaa galmeessuun bu’a qabeessa ta’ee jira.

Itoophiyaan Afrikaatti biyyoota avokaadoo ergan keessaa sadarkaa lammaffaa qabachuun ishee, humna qonnaa bal’aa qabduu fi guddina dinagdee ariifataa keessa jirtu ifatti kan agarsiisu milkaa’ina guddaadha.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) jalqabsiisan, uwwisa bosonaa biyyattii guddisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii sharafa alaa argamsiisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Sagantichi uwwisa bosonaa dabaluun haala qilleensaa fooyyessuun, biqiloonni muduraa akka avokaadoo, muuzii, paappayyaafi kanneen biroon jiidhina gahaa fi haala mijataa keessatti akka guddatan taasiseera.

Lafa manca’ee ture irratti hojii dhaabbii biqiltuu akkasumas eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetameen biyyeen akka hin mancaane taasifamee, misoomni muduraa fi kuduraa qe’ee keessaa akka babal’atu gumaacheera.

Itoophiyaan naannolee adda addaa keessatti lafa gabbataa fi naannoo qonnaaf mijataa qabaachuun, oomisha muduraatiif haala mijataa qabdi.

Avokaadoon Itoophiyaa qulqullina olaanaa qabaachuun Awurooppaa, Baha Giddugaleessaa fi gabaa idil-addunyaa biroo keessatti filatamaa ta’aa dhufeera.

Buufatni ammayyaa oomisha qopheessuu, kuusuu fi qulqullina isaa to’achuu babal’achuun, oomishni kun gabaa alaa irratti dorgomaa ta’ee akka dhiyaatu cimsaniiru.

Itoophiyaan Afrikaatti sadarkaa lammaffaa irra ga’uun jajjabeessaa ta’us, hojii kun cimee yoo itti fufe sadarkaa jalqabaa qabachuun ni danda’ama jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yeroo duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo baranaarratti ibsaniiru.

Guddinni al-ergii avokaadoo Itoophiyaa bu’aa bal’aa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ifatti kan mul’isu dha.

Sagantichi jireenya lammiilee fooyyessuu, galii sharafa alaa guddisuu fi Itoophiyaa damee qonnaatiin Afrikaa keessatti biyya adda duree taasisuun seenaa misooma Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa ta’ee jira.

Fireehiwot Birhaanuutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply