Walgahiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 76ffaa Finfinneetti keessummeeffama jedhame

You are currently viewing Walgahiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 76ffaa Finfinneetti keessummeeffama jedhame

AMN PLUS – Adoolessa 30/2018

Walgahiin Koree Naannawaa Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 76ffaan (RC76) ‘n Hagayya 18-22/2018 Finfinneetti taa’ama.

Walgahichi waliin tahiinsa Waajjira Naannawa Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaan kan qophaa’u yoo tahu ajandaalee fayyaa naannawichaafi tumsa Ardichaa cimsuurratti akka fuulleffatu odeeffannoon Waajjira Naannawa Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa argame ni mul’isa.

Kana malees hirmaattotni walgahicha karoora fayyaa naannawichaa irratti bu’aawwan galmaa’an kan qorachuu dabalatee tarsimoowwan haaraafi yaadota murteerrattis akka mari’atan ni eegamaan ENA’n gabaasera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply