AMN PLUS – Adooleessa 30/2018
Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo dabalatee qondaaltootni hojii Mootummaa olaanoo misooma magaalaa Baahardaar daawwachuu Waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Qondaaltootni kunniin daawwannaa misoomaa taasisaniin magaalattiin humna misoomaa abdii guddaa namaaf kennu qabaachuun misoomni tarsiimawaan kun fayyadamummaa jiraattota mirkaneesuu, turizimiifi dinagdee dadammaqsuu keessatti qooda qabaachuu hubannoo argataniiru.
Akkasumas magaalattiin akka biyyaalessaatti gahee gama daldalaafi invastimantiin qabdu kan utubu tahuu abdatameera.
Gama biroon riifoormii teeknoloojiin deeggarame Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa adeemsisaa jirus qondaaltootni hojii mootummaa olaanoon kunniin daawwachuu isaanii Waajjirri Ministira Muummee ibseera.