AMN PLUS – Adooleessa 30/2018
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Tarminaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa magaalaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.
Dooktar Abiyyi ergaa dabarsaniin terminaalichi Buufata Xiyyaaraa Itoophiyaa isa ijoo ta’eefi boqonnaa guddaadha jedhan.
Pirojektiin Kun terminaala ammayyaa ijaaruu qofa osoo hin taane hiika guddaa akka qabu ibsanii, magaalaan Baahir Daar qormaatilee dhiheenya kanaatiin booda, buufanni kun xumuramee tajaajila eegaluun isaa, dandamannaa, mallattoo ciminaa fi invastimantii itti fufiinsa qabu kan mirkaneesse ta’uu eeran.
Terminaalli haaraa kun iddoo dhaabbii Xiyyaaraa bal’aa, bu’uraalee misooma ammayyaa, daandiiwwanii fi tajaajiloota ammayyaa kan qabudha jedhan Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin.

Kunis dandeettii buufata xiyyaaraa kanaa guddisuun fedhii naannichaa yeroo yerootti dabalaa jiru deebisuu fi imaltootaaf tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu kennuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Terminaalli haaraan kun hojii jijjiirama magaalaa Bahir Daar keessatti gaggeeffamaa jiru waliin wal simuun Bahir Daar balbala xiyyaaraa fi wiirtuu geejjiba akka taatu taasisa jedhaniiru.
Magaalaan dammaqinaan guddachaa jirtu akka Baahir Daar faayidaa dinagdee guddaa argamsiisuu dandeessu guutummaatti fayyadamuuf, hawaasni naannichaa nageenya isaa eeguun itti fufuu akka danda’u abdii qaban ibsaniiru.