Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanotaaf imala boqonnaa haaraadha – Hayyuu Saayinsii Siyaasaa

You are currently viewing Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanotaaf imala boqonnaa haaraadha – Hayyuu Saayinsii Siyaasaa

‎‎AMN PLUS – Hagayya 08/2018

‎Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jiru adeemsi hanga ammaatti jiru, seenaa Itoophiyaa keessatti kan hin baramne ta’uu fi jijjiirama abdachiisaa agarsiisaa jiraachuun ibsame.

‎Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Solomoon Tafarraa, AMN waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan seenaa bara dheeraa kan qabdu taatus, mootummaafi mootummaa, mootummaafi uummata, akkasumas uummata fi uummata gidduutti gaaffileen siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa akkasumas garaagarummaan yaadaa turaniiruun ibsaniiru.

‎Kanaaf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa garaagarummaa kana furuun adeemsa ijaarsa biyyaarratti waliigaltee fi fudhatamummaa uumuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Kaayyoon ijoo Marii Biyyaalessaa, maddoota garaagarummaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa har’aa gadi fageenyaan qorachuun, akkasumas yaadota furmaataa ijoo dhiyeessuu ta’uu eeraniiru.

‎Akka isaan jedhanitti, caasaa mootummaa, hojii paartilee siyaasaa fi bu’uura siyaasaa ilaalchisee gaaffilee hawaasni kaasaa jiru qorachuun, rakkoolee jiraniif kallattiiwwan furmaata ta’an kaa’uunis hojii marii kanaa keessaa isa tokkodha.

‎Barsiisaa Solomoon, adeemsa marii keessatti mo’ataa fi mo’amaan kan hin jirre ta’uu hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Muuxannoo biyyoota biroo irraa akka mul’atutti, mariin biyyaalessaa bu’aawwan gurguddoo sadii fiduu danda’a jedhaniiru.

‎Isaanis waliigaltee fooyya’aa irra ga’uu, obsa fi wal-danda’uu uumuu, akkasumas qabxiilee irratti waliigalteen hin uumamne galmeessuun gara marii itti aanuutti dabarsuu ta’uu ibsaniiru.

‎Waliigalteen siyaasaa yeroo tokko keessatti kan xumuramu osoo hin taane, adeemsa keessa kan milkaa’u waan ta’eef, jalqabni adeemsa waliigaltee kun baay’ee murteessaa ta’uu eeraniiru.

‎Adeemsi marii Itoophiyaa muuxannoo biyyoota biroo waliin yoo madaalamu, bal’inaa fi gadi-fageenya ajandaaleen marii, baay’ina uummataa fi ijaarsa xiinsammuu hawaasaa tilmaama keessa galchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan uummata Miliyoona 130 ol kan qabdu garaagarummaa saba bal’aa fi walxaxaa keessa jirtu ta’uu eeruun, sadarkaa mariin biyyaalessaa amma irra gahee fi milkaa’ina hanga ammaatti galmeesse baay’ee jajjabeessaafi waliigaltee uumuu akka danda’amu agarsiiftuu guddaa ta’uu Barsiisaan Solomoon Tafarraa ibsaniiru.

Gabaasa Fireehiwoot Birhaanuu, Daraartuu Tarreessaati qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply