Hayyootniifi barattootni digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Oksifoordi Finfinnee daawwatan – Komishinii Turizimii Finfinnee

You are currently viewing Hayyootniifi barattootni digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Oksifoordi Finfinnee daawwatan – Komishinii Turizimii Finfinnee

AMN PLUS – Hagayya 08/2018

Jilli hayyootaa fi barattoota digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Oksifoordii iddoowwan gahumsa turizimii Finfinneetti argamu daawwachuu isaanii Komishiniin Turizimii Magaalaa Finfinnee ibse.

Jilichi Mana Kitaabaa Abrihoot, Muuziyeemii Saayinsii, Paarkii Aradaa, misooma qarqara lagaafi Paarkii Tokkummaa daawwataniiru.

Daawwannaa isaanii kanaanis qabeenya turizimii arganiifi saffisa imala misoomaa Finfinneen taasisaa jirtu baay’ee akka ajaa’ibsiifatan ibsaniiru.

Daawwannaa kanaanis bakkeewwan hawwata turizimii fi hojiiwwan misoomaa biroo Finfinnee keessatti argaman kan daawwatan yoo ta’u, kunis qabeenya turizimii magaalaa Finfinnee sadarkaa addunyaatti beeksisuuf, carraa invastimantii turizimii babal’isuuf, akkasumas tumsa waloo cimsuuf gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ragaan Komishinii Turizimii Magaalaa Finfinnee irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply