Balfa gara anniisaatti deebisuun magaalota qulqulluu Afrikaa keessaa tokko kan taate – Finfinnee

You are currently viewing Balfa gara anniisaatti deebisuun magaalota qulqulluu Afrikaa keessaa tokko kan taate – Finfinnee

‎AMN PLUS – Hagayya 08/2018

‎Sirni bulchiinsa dhabamsiisa balfaa Finfinnee anniisaa haaromfamaa fi misooma naannoo waliin walsimuun magaalattiin jireenyaaf mijatuu fi miidhagduu akka taatu taasisuu danda’eera.

Akka ragaan Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee irraa argame agarsiisutti magaalattiin sirna bulchiinsa balfa jajjaboo ammayyeessuun magaalota qulqulluu Afrikaa 10 keessaa tokko taatee jirti.

‎Kuufama balfaa baay’ina ummataan walqabate dabalaa dhufeen uumame haala itti fufiinsa qabuun bulchuuf, bakka balfa jajjaboon itti kuufamu Yaraapi walitti qabame anniisaa maddisiisuuf fayyadaa jira.

‎Afrikaa keessatti warshaan balfa gara anniisaatti jijjiiru kan jalqabaa Yaraapi balfa jajjaboo qindeessuun gara humna elektirikitti jijjiiruun kallattiin gara humna ibsaa biyyaalessaatti galchaa jira.

‎Buufatni kun fedhii humna ibsaa magaalattii deeggaruun alatti iddoon kun gaazii meetiinii balaafamaa akka hin baafne gochuun eegumsa naannoof gumaacha olaanaa taasisaa jira.

‎Balfi anniisaa maddisiisuuf ooluu isaa irraa kan ka’e lafa kanaan dura kuusaa balfaaf qisaasama ture hojiiwwan misoomaa adda addaatiif itti fayyadamuuf carraas uumeera.

‎Bakki balfaa kanaan dura faalamuun balaa nageenyaaf saaxilamaa ture amma misoomuun jiraattotaaf bakka bashannanaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiirameera.

‎Qulqullinaafi bareedina magaalattii eeguu cinaatti adeemsi balfa jajjaboo sirnaan bulchuu fi gara qabeenyaatti jijjiiruu dargaggootaafi dubartoota hedduudhaaf carraa hojii bal’aa uumeera.

‎Pirojektiin Yaraapi sirna bulchiinsa balfaa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi misooma naannoodhaaf mijatu waliin walitti makuun faalama naannoo hir’isuu irratti boqonnaa haaraa uumeera.

‎Milkaa’inni kun Finfinnee qofaaf osoo hin taane magaalota gurguddoo Afrikaa birootiifis muuxannoo guddaa ta’ee tajaajilaa jira.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply