AMN PLUS – Hagayya 10/2018
Humnootni farra nagaa duraaniifi ammaa qindoomina uumuun imala guddina biyyaafi nagaa irratti qormaata uumama akka jiran irra deddeebiin ibsameera.
Maalummaa fi hariiroo seenaa dhugaa gareewwan kanneen qaban Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Solomoon Tafarraa turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.
Itoophiyaa tattaaffii buufata galaanaa argachuuf taasistu cimsitee itti fufti kan jedhan Barsiisaa Solomoon,tumsa humnootni farra nageenya kunneen yeroo ammaa uuman irratti xiinxala kennaniiru.
Itoophiyaan sababa buufata galaanaa dhaburraa kan ka’e rakkoolee hedduudhaaf saaxilamuun qabeenya uumamaa isheetti guutummaatti fayyadamuu akka hin dandeenyes Obbo Solomoon kaasaniiru.

Misoomni ijaarsa Hidha Haaromsaa qofti gahaa akka hin taane himuun, gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaana argachuuf dhiheessite dhimma lubbuun jiraachuu fi misoomaa akka ta’e dubbataniiru.
Humnoonni farra nageenyaa duraaniifi kan ammaa waliigaltee haaromsuun dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaan gaafachaa jirtu laamshessuuf jecha, Shaabiyaa, Ijiptiifi TPLF tumsa bara 1960moota keessa ture haaromsuun, Faannoofi Shanee itti dabaluudhaan, biyya jeequuf hokkara kaasaa akka jiranis eeramera.
Sagantaan tumsa isaaniifi maalummaa dhugaa gareewwan kanneenii yoo xiinxalamu, mootummaan Shaabiyaa qabeenya Itoophiyaatti fayyadamuu kan barbaadu yoo ta’u, mootummaan Ijipti ammoo qabeenya Itoophiyaa olaantummaan dhuunfachuun dantaa isaa eeguuf kan kaayyeeffatan akka ta’e ifaadha.
Shaabiyaafi Wayyaaneen yeroo ammaa ummata Tigraay akka meeshaatti itti fayyadamuun doolaaraan daldalaa akka jiranis ibsaniiru.
Waligaltee nageenyaa Piiritooriyaa booda mootummaan Federaalaa lola TPLF waliin qabu dhaabuu hordofuun kan mufate Shaabiyaan Itoophiyaa waliin waldhabdee keessa galuun isaa ni yaadatama.
Walitti dhufeenya TPLF fi ONLF ilaalchisee humnoonni lamaan garee maqaa hawaasa isaaniitiin socho’uun uummata irratti gidiraa geessisan ta’uun himatamaa akka turanis hubachiisaniiru.
Seenaa keessatti bara 1983 Wayyaaneen Paartii Dimokiraasii Warraaqsaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun Finfinnee erga galanii booda Waraana Bilisummaa Oromoo kaampii waraanaa Dillaa, Huursoo, Cinaaksaafi Tigraay keessatti walitti qabuun qabsaa’ota Oromoo Kuma 20 ol akka duguugan seenaan hin dagatu.
Gareewwan kunneen amma seenaa sana cinaatti dhiisanii waliigaltee fuudhaafi heerumaa kan fakkaatu tumsa isaanii haaromsuun kaayyoo galmaa hin qabneef nagaa biyyaa booressuuf hokkara kaasaa akka jiran uummanni hubachuu akka qabu Barsiisaa Solomoon turtii AMN waliin taasisanin qaaccessaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e