Bosona Itoophiyaa keessaa hanga waltajjii Idil Addunyaa! – Buna Itoophiyaa

‎AMN PLUS – Hagayya 12/2018

‎Itoophiyaan madda buna Arabikaafi qabeenya uumamaatiin badhaatuudha.

‎Bunni biyyattii magariisaa taate keessaa kan maddu, dhandhamaa fi urgaa isaa qofaan osoo hin taane, seenaa fi hambaa dhalootaa dhalootatti darbe, qabeenya aadaa ajaa’ibaa ta’eedha.

‎Itoophiyaaf bunni dhugaatii guyyaa guyyaa qofa miti lammiilee miliyoona 15 ol ta’aniif madda jireenyaa, akkasumas madda galii alaa biyyattii keessaa isa ijoodha.

‎Oomishtoota gadii irraa kaasee hanga al-ergitootaa fi warra buna qopheessanii dhiyeessanitti,namoota miliyoonaan lakkaa’aman carraa hojiifi galiidhaan walitti hidha.

‎Buna waliin dhuguun walitti dhufeenya hawaasummaa uuma. Sirni bunaa aadaa araaraa, gorsa, gammachuu fi gadda waliin qooddachuuf waltajjii jireenyaa ta’eera.

‎Itoophiyaan qabeenya hambaa garaagaraatiin kan badhaate ta’uu bira darbitee, iddoowwan hawwata turistii hedduu sadarkaa addunyaatti galmeessisuu kan dandeessedha.

‎Kennaa uumamaa ajaa’iba ta’eefi sirni aadaa buna qopheessuu dhalootaa dhalootatti darbu, UNESCO’ tti akka galmaa’u, akkasumas beekamtii biyya keessaafi idil-addunyaa akka argatuuf, Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun odeeffannoo walitti qabuufi hojiiwwan qophii barbaachisan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

‎Kunis, bunni kennaa Itoophiyaan addunyaaf gumaachite keessaa isa duraa ta’uu isaa irra deebiin kan mirkaneessuudha.

‎Itoophiyaa keessatti bunni gaaddisa bosona uumamaa jalatti waan guddatuuf, bosonni akka hin mancaane gochuuf gahee guddaa qaba.

‎Eegumsi biqiltuu bunaa,eegumsa bosonaati, eegumsi bosonaa immoo madaallii qilleensa addunyaa eeguudha.

‎Kanaaf, yeroo bunni Itoophiyaa tokko danfu, seenaa, aadaa, eegumsa uumamaafi jaalala ilma namaa hundatu finjaala bunaa tokko keessatti dhiyaata.

‎Gabaasa Taammiraat Bishaawu, Daraartuu Tarreessaati qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply