Maatiin AMN Sagalee Dhalootaa Ashaaraa Isaanii Keewwatan

You are currently viewing Maatiin AMN Sagalee Dhalootaa Ashaaraa Isaanii Keewwatan

‎AMN PLUS – Hagayya 12/2018

Maatiin AMN Sagalee Dhalootaa sagantaa dhaabbii biqiltuu marsaa 8ffaa akka biyyaalessaatti mata duree ‘Abdii Haa Dhaabnu’ jedhuun gaggeeffamaa jiru keessa ashaaraa isaanii keewwataniiru.

Sagantichi Finfinnee Gaara Eekkaatti kan gaggeeffame yoo tahu hoggansi,hojjettootniifi qaamoleen AMN waliin hojjetan garaagaraa argamuun biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii boriif tahu keewwataniiru.

AMN Sagaleen Dhalootaa hojii idilee hojjetuun cinaatti waggaa waggaan kunuunsaafi eegumsa naannoo keessattis qooda fudhachuun hoggansi, hojjettootniifi qaamoleen dhaabbaticha waliin hojjetan Gaara Eekkaatti ashaaraa isaanii keewwataniiru.

Saganticharratti argamuun ashaaraa isaanii keewwachuun ergaa kan dabarsan Itti Aanaan Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN fi Itti Gaafataan Damee Televiizhinii Obbo Xilaahun Kaasaa, hojjettoonni dhaabbatichaa oduu fi sagantaalee qofa qopheessanii dhiyeessuu bira darbee, namoota dadhaboo ta’an deeggaruu, barattoota maatiin harka qalleeyyii tumsuun barsiisuu, akkasumas hojiiwwan misoomaa biyyaalessaa dabalatee hojiiwwan tola ooltummaarratti adda durummaan gahee isaanii bahachaa jiru jedhan.

Obbo Xilaahun,kanaan dura Giddu Gala Biqiltuu Gullallee keessa biqiltuuwwan dhaabaman waqtii bonaa keessa bishaan obaasuu fi kunuunsuun, akka latan AMN gahee isaa bahachuu yaadachiisaniiru.

AMN ammas biqiltuuwwan Gaara Eekkaarra dhaabaman kanneen hordofuufi kunuunsuu keessatti fakkeenyummaan akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Dhaabbatichi biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, biqiltuuwwan dhaabaman haala kam keessa akka jiran oduufi sagantaalee hojjetuun hordofuun akka gabaasu ibsaniiru.

AMN Sagaleen Dhalootaa aadaa hojii magaalaa Finfinnee 24/7 qajeelfama hojii isaa taasifachuun, boqonnaa tokko malee odeeffannoo dhiyeessuufi daballii uwwisa magariisummaa magaalattiif gumaacha isaa caalmaatti akka bahatu ibsaniiru.

Gabaasni kan Iddoosaa Abdiiti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply