
AMN PLUS-Hagayya 12/2018
Misoomni iddoowwan gahumsa hawwata turistii Finfinneetti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran magaalattiin giddu gala turizimiitiin dorgomtuu ta’uun akka beekamtu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu daawwattootni idil-addunyaa gara magaalatti dhufan ibsaniiru.
Mootummaan fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa bu’uureeffachuun damicha guddisuuf utubaalee misoomaa shan kaa’e keessaa dameen turizimii tokko ta’uun isaa ni yaadatama.
Kanumarraa ka’uun,iddoowwan gahumsa turizimii Magaalaa Finfinnee keessatti argaman kan duraan jiran haaromsuun akkasumas kanneen hin misoomiin misoomsuun hojileen damee turizimii baay’een kan hojjetaman hawwattummaa magaalatti akka dabalamee eerameera.

Lammiin Beeljiyeem Finfinnee kan daawwatan Deriik Deelee Anduluut, miidhagina Finfinnee ajaa’ibsiifachuun, qulqullinaafi simannaa gaarii jiraattotni magaalatti qaban daawwattotni keessa turuun akka daawwataniifi yeroo biraallee deebi’anii akka dhufaniif kan nama affeeruu akka ta’e himan.
Deriik Deelee Anduluut Paarkii Inxoxxoo fi Muuziyeemii Biyyaalessaa daawwachuu eeruun, tajaajilli hoteelotaa keessatti taasifamuu simannaa gaarii Itoophiyaanotni qaban ifatti kan agarsiisu akka ta’es dubbataniiru.

Waggaa 20 dura Itoophiyaa dhufuun Finfinnee beekuu isaanii kan dubbatan Lammiin Itaalii Alessaandiroo Boozoo, yeroo ammaa Finfinneen jijjiirama saffisaafi hawwataa galmeessuun fuulduratti tarkaanfachaa akka jirtu himan.
Turtii isaaniitinis Muuziyeemii Biyyaalessaa qabeenyaafi seenaa hedduu of keessaa qabu daawwachuu kan himan Alessaandiroo Boozoon, miidhaginafi qulqullina Finfinneen amma irratti argamtu dinqisiifataniiru.
Bakka bashannanaaf qaphaa’ee keessattis yeroo boqonnaa gaarii dabarsuun akka danda’amu eeruun, iddoowwan magariisaa fi misooma qarqara laggeenii irratti hojjetaman keessatti yeroo hin dagatamne dabarsuun akka danda’amu kaasaniiru.