AMN PLUS – Hagayya 15/2018
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinnee waliigaltee waggaa sadii keessatti Birrii Miliyoona 45 isaaf argamsiisu mallatteessera.
Sirna waliigaltichaa Hoteela Juupitariitti gaggeeffame irratti, Federeeshinichi dhaabbilee Vaardaas Inteerteeymeent fi Nikoo Maarkeetiingii waliin ta’uun hojjechuuf waliif mallatteessaniiru.
Waliigaltichi barana kan gaggeeffamu Dorgommii Waancaa Magaalaa Finfinnee marsaa 20ffaa irraa eegalee waggaa sadii kan turu ta’a jedhameera.
Vaardaas Inteerteeymeent fi Nikoo Maarkeetiingii waggaa sadiif mirga daldalaafi beeksisa dorgommichaa kan fudhatan yoo tahu mirga miidiyaa, ispoonserootaafi dhimmoota biroo akka to’atan waliigalticha keessatti ka’eera.
Dhaabbileen lameen Federeeshinicha waliin hojjechuuf waliigalan kunneen, tapha dura, yeroo taphaa fi yeroo boqonnaa taphaatti sagantaalee bashannanaa akka qopheessan ibsameera.
Keessumaa yeroo boqonnaa taphaatti sirboota isaanii akka dhiyeessaniif artistoota beekamoo ni affeeru jedhameera.
Kana malees, daawwattootaafi deeggartoota gara istaadiyeemiitti hawwachuuf humna kan qaban dabalatee mul’ata Finfinnee haalaan beeksisuurratti sagantaaleen xiyyeeffatan biroo ni qophaa’us jedhameera.
Gurgurtaan tikkeetti seensa istaadiyeemii garuu guutummaan guutuutti galiin isaa kan Federeeshinii kubbaa miilaa Magaalaa Finfinnee akka ta’uu ibsameera.

Waliigalticha Pirezidaantii Itti Aantuun Federeeshinii Kubbaa Miilaa Finfinnee Maastawaal Wandesan,Vaardaas Inteerteeymeent bakka bu’uun ammoo Obbo Tasfuu Sintaayyoo akkasumas Nikoo Maarkeetiingii bakka bu’uun ammoo Filimoon Mangashaa mallatteessaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Dorgommiin Waancaa Magaalaa Finfinnee marsaa 20ffaa guyyaan itti eegaluufi kilabootni irratti hirmaatan ifoomaniiru.
Dorgommichi Fulbaana 09-26/2019’tti Istaadiyeemii Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, kilabootni 8 ni hirmaatu jedhameera.
Kanneen keessaa kilabootni Finfinnee Qiddus Giyoorgis, Buna Itoophiyaa,Machaal, Itiyoo Elektirikii,Baankii Daldalaa Itoophiyaafi Madihiin Itoophiyaa yoo tahan kilabootni lama Gaamoo Ceenchaafi fi Adaamaan ammoo kilaboota affeeramuun dorgommicha irratti hirmaatan tahuun ibsameera.
Gabaasni kan Shawaangizaawu Girmaati