AMN PLUS – Hagayya 15/2018
Itoophiyaafi Raashiyaan tumsa damee teeknooloojiin qaban cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ambaasaaddar Eevgeenii Teerkiin.
Ambaasaaddar Eevgeenii Teerkiin sosochii hojii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa daawwataniiru.
Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa Warquu Gaachanaa (PhD) hojiilee dhaabbatichi imala ce’umsa dijitaalaa Itoophiyaa keessatti hojjechaa jiru irratti Ambaasaaddarichaaf ibsa kennaniiru.
Hojiileen qorannoofi misoomaa inistiitiyuutichi hojjetu dameewwan hawaasummaafi diinagdee Itoophiyaatti dursi kennamuuf keessatti milkaa’inni guddaan akka galmaa’u dandeessisuu dubbataniiru.
Ambaasaaddar Eevgeenii Teerkiin gamasaaniin, Itoophiyaafi Raashiyaan hariiroofi tumsa waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisaniiru.
Biyyoonni lameen hojiilee qorannoofi misoomaa, misooma humna namaafi ce’umsa teeknoloojii irratti tumsaan hojjechuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Dabalataan tumsa biyyootni lameen damichaan qaban tattaaffii biyyootni miseensota BRICS hubannoo namtolchee guddinafi fayyadamummaa waloof taasisan waliin kan walsimu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.