Finfinneen tajaajila damee fayyaa fagootti hawwuurraa gara hojiin agarsiisuutti tarkaanfatteetti – MM Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Finfinneen tajaajila damee fayyaa fagootti hawwuurraa gara hojiin agarsiisuutti tarkaanfatteetti – MM Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS – Hagayya 15/2018

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa Yaa’ii 13ffaa Federeeshinii Kunuunsaafi Agarsiisa Fayyaa Baha Afrikaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’amu eegale irratti argamuun ergaa dabarsaniin Afrikaanotni dandeettii keenyaan birmadummaa fayyaa keenya mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin Finfinneen tajaajila damee fayyaa fagootti hawwuurraa gara hojiin agarsiisuutti tarkaanfatteettii kan kaasan yoo tahu kunis karoora kaleessa magaalattii giddu gala turizimii fayyaa taasisuuf qabameetu hojiitti hiikamaa jira jechuun hubachiisaniiru.

Injifannoon abbootiin keenya waggoota 130 dura Adwaa irratti gootummaan galmeessisan, har’as fayyaa uummata keenyaa dandeettii ofii keenyaan eeguun birmadummaa fayyaa keenya mirkaneessuun irra deebi’amee mul’achuu qabaas jedhaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa dabalataan, birmadummaa fayyaa jechuun qorichaa fi meeshaalee yaalaa ofii keenyaan oomishuu, ogeeyyii fayyaa qabnu leenjisuu fi hojii irra tursiisuu, akkasumas yeroo weerara dhibee ykn rakkoon fayyaa uumamu, gargaarsa addunyaa eeggachuu malee dandeettii ofii keenyaan rakkoo sana dandamachuu jechuu akka ta’e ibsaniiru.

Itoophiyaanis galma Afrikaa kana milkeessuuf qorichoota, meeshaalee qorannoo fi meeshaalee yaalaa biyya keessatti oomishuu cimsaa jirti kan jedhan Obbo Tamasgeen magaalaan guddoo biyyattii Finfinneen Afrikaanotni tajaajila fayyaa qulqullina qabuufi sadarkaa olaanaa argachuu akk danda’an, giddu gala turizimii fayyaa tahuuf hospitaalota ammayyaafi bu’uuraalee misooma fayyaa babal’isaa jirti jedhaniiru.

Mootummaan, damee dhuunfaa waliin ta’uun, dandeettii kaappitaalaa, teeknoloojiifi kalaqaa fayyadamuudhaan sirna fayyaa jabaa fi dandamataa ijaaruu cimsinee itti fufaas jedhan Obbo Tamasgeen ergaa dabarsaniin.

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin abbootiin qabeenyaa damee fayyaarratti mootummaafi qaamolee biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka danda’an waltajjiin ardichaa akka jiraatu, akkasumas waajjirri muummee Federeeshinii Kunuunsa Fayyaa Afrikaa Finfinneetti akka hundeeffamuuf mootummaan deeggarsa guutuu taasisuuf kutannoo qaba jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply