
AMN PLUS – Hagayya 19/2018
Afrikaan Damee Fayyaatiin Hojii Jijjiirama Dinqisiisaa fidaa jiru Hojjachaa jiraachuu Pirezidaantiin Itoophiyaa Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaasee ibsaniiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan Damee Fayyaatiin bu’aa olaanaa akka fidduuf, Waliin gahiinsa Dhaabbilee fayyaa baballisuu, Ogeeyyii Ogummaa Fayyaan gahoomaniifi Naamusa Olaanaa qaban heddumminaan Leenjisuu, Humna keessoo biyyattii damee fayyaa cimsan hedduurratti hojiilee bu’a qabeessa tahan hojjachuu kaasaniiru.

Keessumaa Lammiileen Biyyattii Naannawaa Qulqulluufi Faalamarraa bilisa taheefi fayyummaan isaa eegame keessa akka jiraatan taasisuufi Misoomni Magariisaa qa’ee jiraattotaatti akka baballatuuf hojiin cimaan hojjatamuu dubbataniiru.
Kanaafiis, Misooma Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa Waggoottan 7’n darbaniitiin, Bara kana dabalatee Biyyattitti Biqiloonni Faayidaa adda addaaf oolan Biiliyoonni 56 ol dhaabamuu himaniiru.

Pirezidaant Ambaasaaddar Taayyeen itti dabaluun, keessumaa Misoomni Magaalaa Finfinneetti hojjatame, Qulqullinni Naannoofi Daandiilee, Misoomni Qarqara Laggeenii, Misoomni Magariisaafi Dandiilee Sochii Biskileetiifi Namaaf hojjataman hunduu Damee fayyaa Biyyattii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojiilee hojjatamaniifi fakkeenyummaa qaban tahuu ibsaniiru.
Hojiileen kunneen hunduu dhibeelee dursanii ittisuu keessatti shoora olaanaa kan qabaniifi imaammata fayyaa dhibee duursanii ittisuun kan deeggaraman tahuu dubbataniiru.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq