AMN Sagaleen Dhalootaa mootummaafi hawaasa giddutti riqicha tahee ooltee bultee Finfinnee 24/7 hawaasa biraan gahuun galateeffatame

You are currently viewing AMN Sagaleen Dhalootaa mootummaafi hawaasa giddutti riqicha tahee ooltee bultee Finfinnee 24/7 hawaasa biraan gahuun galateeffatame

AMN PLUS – Hagayya 21/2018

Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir imalli guddinaa magaalattiin agarsiisaa jirtu ida’ama waliigalaa Koree Dhaabbiifi Dhaabbilee Itti Waamamtoota Mana Marichaa tahuu ibsan.

Sagantaan waliigalaa beekamtiifi galateeffana mana maree magaalaa Finfinnee bara hojii 3ffaa kan bara baajataa 2018 gaggeeffameera.

Sirna beekamtiifi galateeffanaa kanaa irratti argamuun haasawaa kan taasisan Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir milkaa’ina hojii misoomaa magaalattii keessatti qaamoleen garaagaraa gumaachaa olaanaa bahachuu ibsaniiru.

Pirojeektotni ijaaraman yeroofi qulqullinaan akka raawwatan taasisuu, haqa hawaasummaa mirkanneesuufi haala itti fayyadama baajataa irratti hojii xiyyeeffannoon hojjetameen milka’inni argamu himaniiru.

AMN Sagaleen Dhalootaa hojii Manni Maree Magaalaa Finfinnee hojjetu jiraattota magaalattii manni marichaa sagalee tahuuf biraan gahuun milkaa’ina hojii isaaniif gumaachaa olaanaa bahachuu isaatiif Afa Yaa’ii Buzeenaa Alkadir galateeffataniiru.

Afa Yaa’ittiin AMN mootummaafi hawaasa giddutti riqicha tahee ooltee bultee Finfinnee 24/7 hawaasa biraan gahuun galateeffachuun maqaa Mana Maree Magaalaa Finfinneetiin beekamtiis kennaniirufi.

Koreewwan Dhaabbii, Dhaabilee Itti Waamamtootaa Mana Marichaa ta’an milkaa’ina hojii Mana Maree Magaalaa Finfinneef qooda olaanaa bahataniif beekamtiin kennamuun ibsameera.

Aadaa hojii Finfinnee 24/7 hawaasa biraan gahuu keeessatti AMN Sagalee Dhalootaa hojicha biraa hafee hin beekne dabalatee dhaabbileen biroo hojii isaanii cichoominaafi kutannoon hojjetan Mana Maree Magaalaa Finfinneetiin beekamtii argataniiru.

Gabaasni kan Dirribaa Yaadataati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply