AMN PLUS- Hagayya 22/2018
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, dorgommii “Adwaa Fight Night”, kan ispoortii MMA fi Kickboxing waltajjii tokko irratti walitti fidu, irratti keessummaa kabajaa ta’uun argamaniiru.
Dorgommii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamu kana irratti ergaa dabarsaniin dorgommiin kun biyyoota guddatan fi badhaadhan keessatti ispoortii baay’ee jaallatamaa ta’uu ibsanii; bu’uuraalee misooma ispoortii gaha waan barbaaduuf, hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa hin turre jedhan.
“Har’a garuu, Magaalaa keenya keessatti bu’uuraaleen misooma ispoortii garaagaraa fi mijatoo ijaaramaa dhufuu isaaniitiin, gosoonni ispoortii haaraan gaggeeffamaa jiru” jedhaniiru.

Dorgommiin kun dargaggoonni dandeettii fi kennaa addaa isaanii akka guddifatan, akkasumas turiizimii ispoortii, walitti dhufeenya diinagdee fi hawaasummaa akka cimsu, bifa Magaalaa Finfinnee akka jijjiiruufi dorgomtummaan ishee akka dabalu ibsaniiru.
Dorgommiiwwan akkanaa bu’uuraalee misoomaa dargaggoota xiyyeeffannoo keessa galchan caalaatti akka cimsinee hojjenne nu kakaasu; dargaggoonnis miira dorgommii sadarkaa idil-addunyaa akka horatan carraa kan kennuudha jedhan.
Kantibaa Adaanech ergaa isaanii keessatti qopheessitoota dorgommichaaf “Jabaadhaa!” jechuun jajjabeessanii, dorgomtootaafis hawwii gaarii isaanii ibsaniiru.