AMN PLUS – Hagayya 22/2018
Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi Sihaasaak Fahaangikeewu daawwannaa hojiif ganama kana Finfinnee galaniiru.
Ministirichi yeroo buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen simatamaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaa Taayilaandi Sihaasaak turtii isaaniitiin qondaaltota hojii mootummaa olaanoo biyyatti waliin ni mari’atu jedhameera.
Marii gamlamee taasifamuun hariiroo bara dheeraa biyyoota lameenii cimsuuf gama siyaasaa, dippiloomaasiifi tumsa waloo dinagdee guddisuuf dhimmoota dandeessisan irratti akka xiyyeeffatan ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.