AMN PLUS-Hagayya 26/2018
Dhukkubni cooma Tiru seelota Tiruu keessatti garmalee kuufamuun dhufaa jiru yeroo ammaa addunyaa irratti ta’ee akka biyya Itoophiyaattis rakkoo fayyaa yaaddessaa ta’uun bal’inaan lubbuu namoota hedduu galaafachaa akka jiru ibsameera.
Dhukkuba osoo mallattoo ifa ta’e hin agarsiisin du’aaf nama saaxiluu isaa irraa kan ka’e “osoo hin beekiin lubbuu kan galaafatu ” jedhamuun maqaa masoo itti moggaasuunis ni waamama.
Tiruun fayyaa qabu cooma xiqqoo qabaachuu kan danda’u, garuu,hammi coomaa ulfaatina tiruu waliigalaa keessaa %5 hanga %10 ol yoo ta’e, akka dhukkubaatti ilaalama jedhameera.
Qorannoowwan akka mul’isanitti, dhukkubichi sadarkaa afur kan qabu yoo ta’u,Jalqaba irratti kuufama coomaa salphaa ta’een eegaluun, yeroo isaatti yoo hin yaalamne gara dhukkubbii tiruufi madaa’uun godaannisa tiruu (scarring) uumuun kaansarii tiruutti ce’uun du’aaf nama saaxiluu akka danda’u ibsameera.
Wantoota dhukkuba kanaaf nama saaxilan keessaa, cooma garaa, ulfaatina qaamaa garmalee qabaachuu, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa, dhiibbaa dhiigaa olka’aa qabaachurraa kan dhufu yoo ta’u, isaan kunneenis sukkaara baay’inaan fayyadamuu, dhugaatiiwwan mi’aawaa ykn sukkaaraa hedduu qaban dhuguu,nyaata daakuu qollii isaanii irraa qunca’uun qophaa’efi nyaata coomni baay’inaan keessa jiru yeroo baay’ee fayyadamuurraa kan namatti dhufan ta’uu eerameera.
Dhukkubsattoonni hedduun dhukkuba kana akka qabamuu isaanii kan kan beekan,yeroo dhukkuba biraatiif qorannoo ultraasaawundii taasisan ta’uu Koolleejjii Fayyaa Yekkaatiit 12 tti ogeessi yaala dhiibee keessoo qaamaa Dr. Salaam Boggaalee turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.
Dhukkubichi erga keessoo namaa hubee booda qorichi addaa isa fayyisu waan hin jirreef,furmaanni guddaa fi falli isaa akkaataa jireenyaa foyyeessuu qofa akka ta’e Dr. Salaam kaasaniiru.
Kanaaf, furmaanni ammo ulfaatina qaamaa keessaa %5 hanga %10 hir’isuun cooma garaa to’achuun hamma coomaa tiruu keessatti kuufame jiru haalaan hir’isuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Dabalataanis, kuduraa, fuduraa fi nyaata faayiberii (dhangaa nyaataa of keessaa qabu) yeroo baay’ee fayyadamuun, akkasumas sukkaara, cooma fi oomisha daakuu miidhaan qollii isaa irraa qinca’uun qophaa’ee hir’isuun baay’ee akka barbaachisus eerameera.
Torbanitti guyyoota shan akkasumas guyyaatti daqiiqaa 30’f deemsa miilaa saffisaa taasisuun dhukkuba kana dursanii ittisuu fi to’achuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Alkaaholii guutummaatti dhiisuunis tiruun of haaromsuu fi fayyaa isaa deebifachuuf carraa gaarii kan uumu yoo ta’u, hamma sukkaaraa fi koleesteroolii dhiiga keessa jiru sirriitti hordofuu fi to’achuun dhukkuba kana ittisuu fi to’achuuf kan gargaaru ta’uus ifoomeera.
Kanaafuu, namni hundi rakkoolee armaan olitti eeraman hundarraa of eeguun jireenya fayya-qabeessa jiraachuu akka qaban Dr. Salaam Boggaalee turtii AMN waliin taasisanin gorsa isaanii dabarsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e