AMN PLUS – Hagayya 26/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har’a Yaa’ii Barnootaa sadarkaa Magaalatti marsaa 33ffaa mata-duree “Egeree Ifaa, Sammuu Keenya Har’aan” jedhuun haala ho’aa fi milkaa’inaan eegalchiisneerra jedhan.
Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin yaa’iin kun waggaa waggaadhaan kan gaggeeffamu, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, dhaqqabummaa barnootaa babal’isuuf, adeemsa baruu fi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf, akkasumas hojiiwwan damee barnootaa keessatti hojjetaman irraa muuxannoo waljijjiiruuf kan gargaaruudha jedhaniiru.
Kana malees hanqinoota jiran adda baasuun, waliin mari’achuun furmaata waaraa itti kennuu fi kallattii hojii waloo itti qabachuufis walgahii murteessaa tahuu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa waan jiruuf, bu’aan barattootaa fooyya’aa dhufeera.
Har’a bu’aan barnootaa magaalaa keenya keessatti hanga dhibbeentaa 33tti fooyya’iinsi mul’ateera kan jedhan Kantiibaa Adaanech haa ta’u malee, kana caalaa bu’aa olaanaa ni eegganna; kanaafis amma illee hojii hedduu hojjechuun nu irraa eegama jechuun hubachiisaniiru.

Barsiisotniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi kutannoo fi ciminaan hojjechuun, barattoota kalaquu danda’an, rakkoo furuu danda’an, naamusaan guutuu ta’an, akkasumas beekumsaan gaggeeffaman baay’inaan horachuuf waliin tattaafachuu qabna jechuun Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa invastimantii guddaa damee barnootaaf akka oolu murteessuun, baajata olaanaa damee barnootaaf ramaduus kan yaadachiisan Aadde Adaanech dhaloota bu’uura isaa irraa qajeelchaa deemuun murteessaa waan ta’eef kunuunsa daa’imummaan duraa irraa eegalee Finfinneetti hojiin fakkeenyaa qabu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Haaluma kanaan, bu’uura irraa kaasee hojjechuun, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti barattoota bu’aa olaanaa galmeessisan, naamusaa gaariis qaban, beekumsaan gahooman horachuun akka eegamus Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin bu’aa hanga ammaatti argameef dhimmamtoota barnootaa hunda galateeffachuun caalmaatti hojjechuun bu’aa barnootaa guddina Finfinnee madaalu fiduuf harka walqabannee hojjechuun hojimanee hunda keenyaa tahuu qaba jedhaniiru.