
AMN PLUS – Hagayya 29/2018
Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan walta’iinsa tarsiimawaa fi tumsa isaanii caalmaatti guddisuuf waliin hojjechuu isaanii beeksisan.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Komishinar Mahaammud Alii Yuusuf, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Gargaaraa Ministira Dhimmoota Afrikaa Fraanki Gaarshiyaa waajjira isaanitti simachuun waliin mari’atan.
Mariin isaanii inni guiddanis walta’iinsa yeroo dheeraa Gamtaa Afrikaa fi Ameerikaa gidduu jiru cimsuun dhimmoota ijoo ardii Afrikaa sirritti ilaaluuf kan fuulleeffate ta’uus eerameera.
Tumsi Afrikaa fi Ameerikaa seenaa dheeraa kan qabu ta’uu kan eeran Komishinar Mahaammud Alii Yuusuf , Gamtaa Afrikaa dabalate biyyoota miseensotaa fi Ameerikaa gidduutti walitti dhufeenya cimaa faayidaa waloo eegsisuu danda’u ijaaruun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.
Taattaaffii Ameerikaan Rippabiliika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) fi Sudaan keessatti nageenyaa fiduuf taasisaa jirtus Mahamuud Ali Yuusuf galateeffataniiru.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Gargaaraa Ministira Dhimmoota Afrikaa Fraanki Gaarshiyaa gama isaaniitiin ardii Ameerikaan xiyyeeffannoo duraa kennituuf Afrikaa ta’uu himuun, faayidaa fi galmawwan waloo Komishinii Gamtaa Afrikaa fi biyyoota miseensotaa wajjiin ta’uun galmaan ga’uuf kutannoo cimaa kan qaban ta’uu mirkaneessaniiru.
Keessattuu, daldalaa fi invastimantii, babal’ina bu’uuraalee misoomaa, diploomaasii, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii irratti tumsa isaanii caalmaatti cimsuun akka barbaachisus eeraniiru.
Dhimma wal-waaransa Sudaan ilaalchisees kan mari’atame yoo ta’u, hatattamaan dhukaasa dhaabuun gargaarsi namoomaa daangaa tokko malee akka seenuu fi adeemsi siyaasaa hunda hammatee fi siviliinotaaf dursi kennamuufi akka qabus akeekameera.

Dabalataan dhimma Liibiyaa ilaalchisees, furmaanni siyaasaa waaraa argamuu akka qabus mari’achuun isaanii ibsameera.
Tattaaffiiwwan nagaa buusuu Afrikaanonni taasisanii fi deeggarsa Ameerikaan taasistu karaa qindaa’aa ta’een hojiirra oolchuuf akkasumas, bu’uura imaammata invastimantii tarsiimawaa Gamtaa Afrikaa fi Ameerikaa keessatti taasifaman gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf waliigaluu isaanii akka ibsame ragaan Komishinii Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.