AMN PLUS-Hagayya 29/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, hojiiwwan misoomaa fi haaromsa magaalaa hoggansa isaanii jalatti hojjetamaniin beekamtiiwwan idil-addunyaa garaagaraa argachuu isaanii ni yaadatama.
Finfinnee gara magaalaa ammayyaa fi teeknooloojii fayyadamuun tajaajila kennutti ceesisuuf hojiilee hojjetamaanin sirna geejjibaa ammayyaa hojiirra oolchuun, utubaa ifaa ammayyaa diriirsuun, akkasumas daandiiwwan deemsa miilaa fi biskileetii, paarkiiwwan, iddoowwan magariisaa fi bu’uuraalee tajaajilaa ammayyeessuun waan baay’een akka hojjetaman eeramaniiru.
Keessattuu misooma koriidarii fi teeknooloojii fayyadamuun yaa’insa tiraafikaa fooyyessuu, tajaajila uummataa ammayyeessuu, jireenya jiraattotaa fooyyessuuf hojiilee hedduu milkeessanin Kantiibaa Adaanech Abeebee badhaasa “Seoul Smart City Leadership Award 2024” argachuu isaanii ni yaadatama.
Badhaasni “Seoul Smart City Leadership Award” kunis namoota imaammata magaalaa ismartii diriirsuu fi addunyaa irratti babal’isuuf gahee olaanaa qabanif beekamtii kennuuf badhaasa maqaa magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaatiin moggaafameedha.
Kantiibaa Adaanech Abeebee malaammaltummaa ittisuu, bulchiinsa gaarii fi iftoomina cimsuu, haaromsa dhaabbilee mootummaa gaggeessuu fi pirojektoota faayidaa uummataa irratti xiyyeeffatan hojiirra oolchuun Dhaabbata “African Leadership Magazine” jedhamurraa badhaasa beekamtii “African Female Leader of the Year” jedhamu argachuun isaanii ni yaadatama.
Kantiibaa Adaanech yeroo rakkoo keessatti hojiiwwan misoomaa itti fufsiisa qabuu hojjechuun dubartootaaf fakkeenya hoggansaa ta’uun milkaa’ina galmeessuun badhaasa “African Female Leader of the Year” Badhaasa Hoggansa Dubartii Afrikaa cimtuu tahuun bara 2014 beekamtii hin dagatamne argataniiru.

Kantiibaa Adaanech hojiilee misoomaa itti fufuun jijjiirama qabatamaa galmeesaniif baranas Dhaabbanni idil-addunyaa “Act For Early Years” jedhamu, beekamtii “Early Childhood Development Champion”/ “Shaampiyoonii Kunuunsa Daa’imummaan Duraa” jedhu kennuun isaa ibsameera.
Haaluma kanaan hoggansa isaanii jalatti sagantaa “Daa’imman Abdii Fuulduraa Finfinnee” jedhu diriirfamuun daa’immaniif tajaajila fayyaa, barnootaa, nageenyaa fi guddina sammuu cimsuuf hojiiwwan baay’een hojjetamaa akka jiran eerameera.
Sagantaan kunis daa’imman miliyoonaan lakkaa’amanif tajaajila misooma daa’imummaan duraa qaqqabsiisuuf, giddugaloota kunuunsaa fi Wiirtuu daa’imman guyyaa itti kunuunfaman babal’isuuf, akkasumas iddoo maatiiwwan daa’immaanii leenjii fi gorsa itti argatan baay’een kan hojjetamani fi hojjetamaa jiran ta’uu ifoomeera.
Milkaa’inni kunis, hoggansa Kantiibaa Adaanech Abeebee jalatti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee misooma daa’imummaan duraa irratti dursa kennuun, dhaloota boruu irratti invaastimantii gochaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu isaa kan akeekudha.
Beekamtiiwwan Kantiibaa Adaanech Abeebee hojii misoomaa, haaromsa magaalaa, bulchiinsa gaarii fi misooma daa’imummaan duraa irratti argatan Finfinnee keessatti xiyyeeffannoo fi invaastimantii taasifamaa jiru kan mul’isan akka ta’e ibsameera.

Magaalaan Finfinnee dorgommii bulchiinsa saffisa idil-addunyaa gosa isaatiin isa jalqabaa ta’e irratti warqee injifachuun ishee kan dhugoomes baruma Bulchiinsa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeeti.
“Bloomberg Philanthropies” magaalota seera bulchiinsa saffisaa baasan akkasumas hojiirra oolchuun nageenya daandii fooyyessaniif beekamtii kenneen Magaalaan Finfinnee dorgommii Waashingitan D.C tti qophaa’e irratti badhaasa Warqee kana argachuun ni yaadatama.
Barruun “Femmes d’Afrique” jedhamu Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa mul’ata cimaa qaban jechuun dubartoota ciccimoo Afrikaa keessaa fuuldura fiduun isaallee yaadannoo waggoota muraasaa as Finfinneen hojii hojjetameen dhandhamte keessaati.
Walumaagalatti jijjiirama Finfinneen agarsiisaa jirtu duuba harki qindaa’aa hoggansaa kan jiru yoo tahu Maahandiisni bu’aa jijjiirama Kantiibaa Magaalatti Aadde Adaanech Abeebee tahu Addunyaan karaa tokkos lamas dhugoomuutti jira.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e