AMN PLUS – Hagayya 30/2018
Itiyoo Telekoom kutaalee biyyattii gara garaa keessatti dhaabbilee hojii tola ooltummaa 50’f deeggarsa maallaqaa Birrii miliyoona 75 ol taasise.
Dhaabbatichi sagantaa “gaarummaa” jedhu qopheessuun, waggaa waggaan hojiirra oolchaa, itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa itti fufiinsaan bahaa jira.
Deeggarsa kanaanis giddu galoota hojii tola ooltummaa 50 keessatti maanguddoota, daa’imman, haadholii, namoota humna hin qabneefi qaama miidhamtoota dabalatee namoonni 22,212 fayyadamoo ta’aniiru.
Sirna deeggarsaa kanarratti haasawaa kan taasisan Hoji Raawwachiiftuun Olaantuu Itiyoo Telekoom Fireehiwoot Taammiruu, “dandeettii xiqqoo qabnuun daa’imman gargaaruuf deeggarsa nuti goonu jireenya namoota hedduu itti fufsiisuuf gahee qaba” jedhaniiru.
Hoji Raawwachiistittiin, “deeggarsi xiqqoo jennee ilaallu namoota hedduu dhaabuuf gahee qaba” jechuun, itti gaafatamummaa hawaasummaa bahuun qajeeltoo dursaa Itiyoo Telekoom ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi waggaa kana dabalatee, waggoota shan walitti aanan keessatti sagantaalee hojii tola ooltummaa walfakkaatan gaggeessuun, kutaalee biyyattii garaagaraatti dhaabbilee hojii tola ooltummaa 117 ol ta’aniif deeggarsa akkasii taasisaa turuu yaadachiisaniiru.
Kana malees, dhaabbatichi bara barnootaa 2019’f, sagantaa arjooma meeshaalee barnootaa “Abdiiwwan Boruu” jedhun qopheesserratti, Finfinneefi naannolee Itiyoo Telekoom hundatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti barattoota 105,496 ta’aniif, Birrii miliyoona 113.3 ol baasuun deeggarsa taasiseera.
Kana malees, dhaabbatichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf sagantaa arjooma dhiigaa qopheessuun, qajeeltoo “Gaarummaa Ilma Namaa” jedhun Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa waliin ta’uun, waajjira muummee dhaabbatichaa, waajjiraalee godinaafi naannolee keessatti waliigalaan bakka 22’tti hojjettootni hojii mootummaa fedhii isaaniin hirmaatan dhiiga arjoomaniiru.
Gabaasni kan Wandimmaagany Abbabaati