Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Qaammee 02: Guyyaa Olka’iinsaa

AMN PLUS – Qaammee 02/2018

Itoophiyaa jecha bira darbuun milkaa’ina qabatamaadhaan dhaabbatte!

Kaleessa “Itoophiyaan Kaateetti” gaafa jennu hawwii utuu hin ta’iin dhugaa har’a qabatamaadhaan mirkaneessinedha!

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha irraa hanga misooma kooriidarii ammayyaatti, Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu guddichaa hanga riifoormii dinagdee maakrootti dadammaqinsi biyya keenyaa gochaan dhugoomeera.

Jijjiiramni kun sadarkaa jireenyaa lammiilee keenyaatiin, ammayyoomuu magaalotiifi carraa hojii uumuutiin ifa dhugaa ta’uurraayyuu, mul’ata guddaa abdii egeree ijoollee keenyatti horudha.

Kana booda duubatti hin deebinu! Imala bayyanannaa seena-qabeessa eegalleen humna misoomaa keenya caalaatti saffisiisuudhaan olka’insa Itoophiyaa gara badhaadhina waaraatti ol ni kaafna.

Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Finfinnee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply