
Qaammee 03:Guyyaa Cichoominaa!
Itoophiyaa wayita yaaadnu, humnootii nageenyaa keenya jaboo biyya diinarraa eeguudhaaf halkaniifi guyyaa cimanì dhaabachuudhaan bakkee bulaniif dursa utuu hin kenniin waa’ee olka’insa gama hundaa yaaduun gonkumaa hin danda’amu.
Guyyaa cichoominaa kanatti waaromuufi birmadummaa biyya keenyaaf jecha gootota keenya aarsaa seena-qabeessa lubbuusaanii qaalii kanfalan kabaja biyyummaa olaanaadhaa kan yaadannu kanaafi.
Har’a biyyi keenya beekumsa mataasheefi humna ijoolleesheetiin xiyyaarota nam-maleeyyii ta’aniifi gahumsa teeknoloojii olaanaa qaban, konkolaattota loltummaa ammayyaa hidhatan, meeshaalee gurguddoofi madfiiwwan akkasumas rasaasota dhuka’an indaastirii loltummaa mataasheetiin oomishuu dandeesseetti.
Humni ofiin dhaabbachuu kun nageenyaafi guddina dinagdee gama hundaa uummata keenyaaf bu’uura cimaa waan ta’eef, cimina biyya keenyaa misooma qabatamaafi humna cimaa eeguufi ittisuutiin mirkaneessaa badhaadhina waaraa Itoophiyaa ni itichina!
Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Finfinnee!