AMN PLUS – Qaammee 03/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jijjiramni roga maraa har’a magaalatti keessatti mul’atuufi sammuun itti boqotu halkan tokkoon kan dhufe akka hin tahiin ibsaniiru.
Aadde Adaanech Finfinneen aadaa hojii 24/7’n nuffiifi dadhabbii tokko malee hojjetamuun misooma hunda galeessaan jijjiiramu ibsuun magaalattiin jiraattota isheef mijattu, keessummoota fagoofi dhiyoorraa garana dhufaniif ammoo iddoo boqonnaa tahuun ibsituu olka’iinsa Itoophiyaati jedhaniiru.
Finfinneen kaleessa umrii malee guddina akka hin qabne kan kaasan Aadde Adaanech har’a garuu bu’uuraalee misoomaa hunda galeessa of-keessaa qabaachuun olka’iinsa ishee qabatamaan agarsiisuun bakka itti waadaan gochaan mul’atu taateettis hubachiisaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalattiin ibsituu olka’iinsa Itoophiyaati yoo jennu akkasumaan osoo hin taane qabatamaan waantootni lakkaa’aman jiraachuu kaasuun misoomni qarqara laggeenii, iddoowwan bashannanaa haala mijataa waliin misooman, pirojektootni meeggaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa tahan fakkeenya olka’iinsa magaalattii tahuu ibsaniiru.

Finfinneen akkuma maqaa ishee ilillii fakkaattee akka misoomtu karoorri qabamee hojjetamaa ture bultii keessa dhugoomuun har’a olka’iinsa Itoophiyaa tahuu dandeesseetti kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee akkaataan kenniinsa tajaajilaa magaalatti kaleessa komiin guutamee ture har’a guutummaatti saffisaafi qulqullinaan bakka bu’ee, itti quufiinsi kenniinsa tajaajilaa mirkanaa’us hubachiisaniiru.
Magaalaan guddoo biyyatti, fakkeenyi badhaadhina Afrikaa Finfinneen aadaa hojii 24/7 ittin hojjechaa jirtu cimsuun kan har’aa caalaa bori olka’iinsa ishee saffisaafi qulqullinaan dabaaltee imala jijjiiramaa hin dhaabbanne yeroo yeroon boqonnaa haaraa qabaatuu akka itti fufsiistuus Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e