Qaammee 03 Guyyaa Cichoominaa baga geessan; baga geenye!
Cichoominni mallattoo Itoophiyaanotaa kaleessaafi har’aati. Itoophiyaan lafee fi dhiiga waloo Itoophiyaanotaatiin eegamtee kan as geesse, biyya madda ulfinaafi kabajaati.
Kanaafis kaleessaa kaasee har’a ga’utti, kallattiifi humna kamiinuu haleellaa ishee irratti aggaamamu hunda gootummaan qolachuun, biyya bilisaa fi abbaa-biyyummaa qabdu dhalootaaf dabarsuun danda’ameera.
Qaammeen “Guyyaa Cichoominaa” jedhamee kan kabajamu, gootota abbaa-biyyummaa Itoophiyaa waggoota dheeraaf cimsanii turaniif beekamtii kennuuf; gootota har’aa jajjabeessuuf; akkasumas gootota boruu uumuufidha.
Itoophiyaan lafa irratti, qilleensa irratti, galaana irratti fi dirree saayibeerii keessatti abbaa-biyyummaa ishee kan mirkaneessan gootota ciccimoo horatteetti.
Itoophiyaan seenaa sirna mootummaa addunyaaf fakkeenya ta’e qabdu keessatti, yeroo kamiyyuu qoqqobbii fi tuffii diinaa irraa bilisa taatee turte jechuun hin danda’amu.
Yeroo humni ishee cime kabajamteefi ulfina argattee jirti; yeroo humni ishee laafaa fakkaate immoo haleellaaf saaxilamtee beekti.
Ilmaan ishee abbaa-biyyummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf osoo homaa hin qusatin gatii kaffalan, yeroo hunda kabajamtee fi ulfina argattee akka jiraattuuf dammaqinaan ishee eegu. Shira fi tuffiin diinota ishees, caalmaatti ishee jabeessuu fi gootummaa ishee mul’isuuf malee, abbaa-biyyummaa ishee gaaffii keessa galchuu hin dandeenye.
Itoophiyaanonni Itoophiyaa waliin ta’uun eeguuf, yeroodha gara yerootti ogummaa waraanaa horatanii, bilisummaa ofii isaanii qofa osoo hin taane bilisummaa kanneen birootiifis gatii kaffalaa, har’aa ga’aniiru.
Namummaa, naamusa waraanaa fi leenjii yeroo sana barbaachisu gahumsa guutuudhaan horataniiru. Misooma humna namaa fi dandeettii teeknooloojii, kan diinni haleellaan dura irra deddeebi’ee akka yaadu isa dirqisiisu, ijaarameera.
Waraanni dirreewwan adda addaarratti ijaarame, gufuuwwan karoora badhaadhinaa Itoophiyaa dura dhaabbachuuf tattaafatan hunda qulqulleessuu; biyya bilisaa fudhate bilisummaan dhaloota itti aanuuf dabarsuu; akkasumas Itoophiyaan fedhii ishee hunda daangaa ishee keessatti bilisummaan raawwachuuf dandeettii akka qabaattu gargaaruu irratti ergama isaa xiyyeeffateera.
Diinonni Itoophiyaa diiguuf barbaadan turan; fuuldurattis ni jiraatu. Haa ta’u malee, dandeettii waraanni keenya hojii raawwachuu qabu guddachaa dhufuu, sammuu injifannoo irratti ijaarame qabaachuu, teeknooloojii ammayyaa hidhachuu, akkasumas marii biyyaalessaa hunda hammate gaggeeffameen, qaawwi warra ergama diinaa raawwatan ittiin fayyadaman cufamee, dandeettiin diinaa yaada irraa gara gochaatti ce’uu hin dandeenye uumameera.
Itoophiyaan har’a biyya namoonni walitti bu’iinsa siyaasaa qaban hundi mufatanii gara bosonaatti galan, akkasumas meeshaa diinaa ta’an miti.
Itoophiyaan har’a boru abdachiisaa ta’e ijaaraa jirti; dhugaa waliinii irratti kan dhaabbatte; garaagarummaa akka miidhaginaatti kan ilaaltu; uummata hunda hammachuun fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uuf gara olka’iinsaatti biyya tarkaanfachaa jirtudha.
Imala ishee kana gufachiisuu kan barbaadu kamiyyuu akka irra deddeebi’ee yaaduuf, dhaabbilee fi humnoota qilleensaa, galaanaa fi saayibeerii ijaarteetti.
Har’a Guyyaa Cichoominaa yeroo kabajnu, abbaa-biyyummaa fi bilisummaa Itoophiyaa kabachiisuuf, nagaa fi nageenya uummata isheef mirkaneessuuf kanneen wareegama kaffalan, akkasumas ammallee kaffalaa jiran gootota kabajuu fi mallattoo isaan kaa’an cimsanii itti fufsiisuuf waadaa galuudha.
Qaammee 03/2018 Guyyaa Cichoominaa
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Finfinnee