
AMN PLUS – Qaammee 03/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee magaalattiin jijjiirama qilleensaa dandamachuutiin Afrikaarraa 1ffaa, akka addunyaa irratti immoo 2ffaa tahuu isheen baga gammaddan, baga gammanne jechuun ergaa dabarsaniiru.
Akka gabaasa The New York Times maxxanseetti, dhaabbanni geospatial AlphaGeo, kan balaa fi saaxilamummaa iddoowwanii qoratee tilmaamu, magaalota gurguddoo addunyaa 72 adda baasuun dandeettii isaanii jijjiirama qilleensaa dandamachuu (climate resilience) irratti madaalee sadarkaan ramadeera.
Haaluma kanaan, Finfinneen ulaagaalee kaa’aman guutuun, Afrikaa keessaa sadarkaa 1ffaa, addunyaa irratti sadarkaa 2ffaa irratti argamteetti.

Kantiibaa Adaanech kana hordofee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Magaalaa keenya Finfinnee akkuma maqaa ishee, miidhagduu, qulqulluufi jireenyaaf mijattuu goona jechuun waadaa seenne irratti hundaa’uun, yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama misooma magaalaa agarsiisaa, kan itti boonnuufi fakkeenya Afrikaa taatee guddachaa jirti jechuun ibsaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa dabarsaniin hawaasa jiraattota magaalaa keenya hundaafi warra nu waliin ta’uun tumsa akkasumas qindoominaan hojjettan hundi bu’aa dadhabbii keessanii dhandhamuutti waan jirtaniif baga gammaddan!jedhaniiru.