Kennuun Namatti Hin Hir’isu– Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Kennuun Namatti Hin Hir’isu– Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Qaammee 04/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har’a “Guyyaa Daneessummaa” sababeeffachuun, duudhaa fi aadaa biyya keenya keessatti dagaage fayyadamuun, waliin jiraachuu, wal gargaaruufi hojiiwwan nama giddu galeessa godhatan akka aadaa ta’an gochuun, walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuuf, aanaalee, kutaa magaalotaa fi hanga giddu galeessaa magaalattii bakka hundatti jiraattota magaalaa keenyaa waliin maaddii qooddanneerra jechuun ibsan.

Kantiibaa Adaanech akkuma yeroo hunda goonu, namoota deeggarsa maatii fi kan isaan kunuunsu hin qabne, namoota rakkoo hawaasummaa keessa jiran, maanguddoota, namoota harka qalleeyyii, akkasumas hojjettoota galii xiqqaa qaban dabalatee, yeroo jijjiiramaa irraa eegalee wal gargaaruun, kan qabu kan hin qabneef akka qoodu gochaa maaddii waliin qooddachaa turreerra jedhan.

Har’as akkuma ganna guutuufi yeroo ayyaanotaa maaddii qoodaa turre, maaddii qooduu qofa osoo hin taane, bara haaraa sababeeffachuun “Baga Geessan” jechuun jaalala, tokkummaa fi kabaja keenya jiraattota magaalaa keenyaa waliin qooddanneerraas Aadde Adaanech ibsaniiru.

“Kennuun hin hir’isu” jedhanii, hojii maaddii qooduu magaalicha guutuu keessatti gaggeessinuuf qabeenya isaanii irraa qooduun gumaacha kan taasisan abbootii qabeenyaa, waldaaleefi namoota gara-laafeyyii hundaaf, Waaqni Uumaan isiniif haa baay’isu. Garaa guutuudhaan isin galateeffannas jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee barri haaraan kun bara jaalalaafi nagaa, akkasumas ciminaan hojjennee jijjiirama itti fidnu akka ta’us hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply