Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Qaammee 04:Guyyaa Daneessummaa

Biyyi keenya Itoophiyaan duudhaashee biyyaa maddeen, abdii ifaa egeree ishee ofiisheetiin bocaa jirti!

Duudhaalee ajaa’ibsiisaa biyyaa maddaniifi wal-harkaa fuudhinsa dhalootaatiin arganne gabbisuufi falaasama Ida’amuutiin hogganamnee, tokkummaa keenya sab-daneessa cimaa ta’eefi bu’uura hin raafamnerra keenyeerra.

Boqonnaa seenaa haaraa marii biyaalessaa seena-qabeessa ta’e eegaluurraa kaanee, misooma kooriidarii namooma giddu-galeessa godhatee jireenya lammiilee keenya hundaa jijjiiru, hojiiwwan keenya tola ooltummaa akkasumas Sagantaa Ashaaraa Magariisa qabatamaan hanga hojiirra oolchuutti, hundi keenya yoo waliin dhaabbannu seenessi keenya waloo gara milkaa’ina walootti akka nuceesisan agarsiifneerra.

Nuti kan ijaarru, biyya cimtuu haammattuu taate, diinagdeedhaan of dandeesse, aadaan waloomaafi wal-gargaarsaa itti dagaage qofa osoo hin taane, guddummaan waloofi humni kuufamaa Itoophiyaanota hundaa keessatti mul’atu gochaan mirkaneessaa jirra.

Tokkummaadhaan imala badhaadhinaa keenyaa itti fufna.

Uummata tokko, biyya guddoo Itoophiyaa!

Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Finfinnee!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply