
AMN PLUS – Fulbaana 04/2019
Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa dhiyeessii humna elektirikaa biyyattii dachaa oliin dabaluun alatti, walitti hidhamiinsa humnaa naannawichaa cimsaa akka jiru, Hoji Gaggeessaan Olaanaa Humna Elektirika Itoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisaniiru.
Injiinar Ashabbir ENA’f yaada kennaniin akka jedhanitti, Hidh Guddichi Haaromsa Itoophiyaa kutannoo, tokkummaa fi cichoomina Itoophiyaanotni qabaniin hojii irra oolee mul’achuun qabeenya waloo lammiilee biyyatti “Adwaa Lammaffaa” tahuu ibsaniiru.

Ijaarsi hidha kanaa, Itoophiyaan dandeettii ishee qofaan milkaa’ina olaanaa galmeessuu akka dandeessu addunyaaf kan mirkaneessite, akkasumas pirojektii guddaa seenaa keessatti boqonnaa haaraa bane ta’uu ibsaniiru.
Hidhi kun erga eebbifamee guutummaatti hojiitti galerraa eegalee, dandeettii biyyattiin humna elektirikaa maddisiisuuf qabdu dachaan dabaluun alatti, galii sharafa alaa Itoophiyaan damee kana irraa argattuus baay’ee guddisuu akka danda’e ibsaniiru.