Obbo Isaayyaas Jiraa sagalee caalmaan Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’uun filataman

AMN PLUS – Fulbaana 05/2019

Obbo Isaayyaas Jiraa yeroo 3ffaaf walitti aansuun Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’uun filatamaniiru.

Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa’ii waliigalaa 18ffaa adeemsisaa kan jiru yoo ta’uu Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin yeroo 3ffaaf federeshinicha pirezidaantummaan akka gaggeessaniif filatamaniru

Federeshinichi naannolee hundumaaf kaadhimamtoota akka dhiyeessan ergaa dabarsee turus dhiyeessuu dhiisuu isaaniitiin Obbo Isaayyaas Jiraa kopha isaanii kaadhimamaa ta’uun dhiyaachuun sagalee caalmaan irraa deebiin filatamaniiru.

Obbo Isaayyaas bara bulchiinsa isaanii waggoota 4’n itti aanan keesssatti misooma kubbaa miilaa Itoophiyaa caalmaatti guddisuu dabalatee gareen biyyaalessaas waltajjii gurguddaa irratti akka hirmaatuuf kutannoon kan hojjetan tahuu waadaa galaniiru.

Obbo Isaayyaas Jiraa sagalee 99 keessaa sagalee 81 argachuun waggoota 4 itti aanan pirezidaantummaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa irra deebiin gaggeessuuf filatamaniiru.

Gabaasni kan Rabbirraa Hirphaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply