“Dhalootni dargaggoon qabeenya guddaa Itoophiyaati” MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS Fulbaana 06/ 2019

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) barattoota guutuu Itoophiyaa irraa bara barnootaa 2019 jalqaban hundaaf milkaa’ina hawwanii, bara barnootaa haaraa akka gaariitti akka jalqaban ergaa dabarsaniiru.

Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dhalootn dargaggoon “qabeenya keenya guddaadha” jechuun ibsanii, barattoonni fedhii fi kaka’umsa barachuuf qaban cimsanii akka baratan, hojii isaanii keessatti bu’aa olaanaa galmeessuuf akka tattaafatan, akkasumas dandeettii gara fuulduraatti biyya isaanii ijaaruuf isaan gargaaru akka horatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dr. Abiyyi dabaluun wantoonni har’a ijaaramaa jiran hedduun dhaloota dhufuuf kan qophaa’an ta’uu ibsanii, barattoonni dhaloota fuulduraa akka fayyadamtootaa fi eegdotaa ta’anii gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.

Barattoonni, dhaala seenaa fi qaroomina Itoophiyaan qabdu gara dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo fi barnoota isaaniitiin gahee isaanii akka bahanis dhaamaniiru.

Barsiisotaanis, dhaloota dandeettii fi ofitti amanamummaa qaban ijaaruuf gaheen isaanii murteessaa ta’uu Ministirri Muummee ibsaniiru.

Barattoota kakaasuu, dandeettii isaanii guddisuu, akkasumas beekumsaa fi duudhaa jireenya keessatti milkaa’uuf isaan gargaaran barsiisonni horachiisuu akka itti fufan dhaamaniiru.

Dhumarrattis, qaamolee damee barnootaa keessatti hirmaatan hundumaaf bara barnootaa milkaa’aa fi bu’aa qabeessa akka ta’u hawwii gaarii dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply