AMN PLUS – Fulbaana 07/2018
Barattootni magaalaa Finfinnee bara barnootaa haaraa haala ho’aa fi qophii gahaa ta’een eegalaniiru.
Bara barnootaa haaraa kana keessatti barattoonni haala mijataa fi qulqullina qabuun barnoota isaanii akka hordofaniif , bu’uuraalee misooma barnootaa cimsuuf hojiiwwan adda addaa hedduun hojjetameera.
Magaalatti keessatti barattootaaf nyaata guyyaatti yeroo lama kennuun hojiiwwan xiyyeeffannoo argatan keessaa isa tokko yoo ta’uu, tajaajilli kun barattoonni yeroo barnootaa keessatti haala gaariin xiyyeeffannoo isaanii barnoota irratti akka kennan gargaaruu bira darbee, maatiiwwan barattootaa yaaddoo irraa akka baraaramanif shoora olaanaa qaba.

Dabalataanis, barattootaaf meeshaaleen barnootaa, kanneen akka barruulee, yuunifoormii fi boorsaa barattootaa bilisaan qophaa’anii kennamuun kunis carraa barattoonni meeshaalee barnootaa gahaa argachuun barnoota isaanii hordofan cimsuuf kan kaayyeffate akka ta’es eerameera.
Haaluma walfakkaatuun, manneen barnootaa jiran haala gaariin haaromsuu fi manneen barnootaa dabalataa ijaaruun hojiiwwan bara barnootaa haaraa kanaaf dursanii hojjetaman keessaa tokko yoo ta’u, kunis baay’ina barattootaa dabalaa dhufaanif deebii kennuun, barattoonni naannoo jireenya isaanii irraa fagaatanii osoo hin taane, haala mijataa keessatti barnoota akka hordofan taasisuuf gumaacha kan qabu ta’uu ifoomeera.

Barattoonni baasii tokko malee galmaa’uun barnoota isaanii jalqabuun, maatii barattootaa birattis gammachuu fi boqonnaa guddaa kan uume yoo ta’u, keessattuu maatiiwwan galii gadi aanaa qabanif baasiiwwan barnoota waliin walqabatan hir’achuun carraa ijoolleen isaanii barnoota isaanii itti fufan kan bal’ise ta’uu eerameera.
Magaalatti keessatti barattoota fedhii addaa qaban irratti xiyyeeffannaan addaa kennamuun, barattoonni kunneen haala isaanif mijatuun tajaajila barnootaa argachuu akka danda’anif haala mijataa uumame akka ta’ellee ibsameera.
Gama biraatiin, barsiisotaafis haalli hojii mijataan akka uumamuuf tarkaanfiiwwan adda addaa baay’een kan fudhatame yoo ta’u, kunis dhiibbaa guddaa barsiisota irra jiru hambisuun bu’aa barnootaa fooyya’aa fiduu akka danda’u akeekameera.

Haaluma kanaan Magaalaa Finfinneetti bara barnootaa haaraa kana keessatti barattootaaf nyaata, meeshaalee barnootaa fi carraa barnootaa bilisaa diriirsuu,manneen barnootaa haaromsuu fi dabalataa ijaaruu, akkasumas barattoota fedhii addaa qaban fi barsiisotaaf xiyyeeffannoo kennuu irratti hojiiwwan bal’aan hojjetamuu isaa ibsaameera.
Tarkaanfiileen kunneen qulqullina barnootaa fooyyessuu fi barattoonni haala mijataa keessatti barnoota isaanii akka hordofan taasisuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu ifoomeera.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e