AMN dorgommiiwwan Fiigicha Guddicha Itoophiyaa magaalota jahatti gaggeeffaman kallattiin tamsaasuuf waliigaltee mallatteesse

You are currently viewing AMN dorgommiiwwan Fiigicha Guddicha Itoophiyaa magaalota jahatti gaggeeffaman kallattiin tamsaasuuf waliigaltee mallatteesse

AMN PLUS – Fulbaana 08/2019

Addis Miidiyaa Neetwoork (AMN) fi Fiigichi Guddicha Itoophiyaa dorgommiiwwan mata duree “Itoophiyaa Haa Beeknu (Liwaqish Itoophiyaa) Kilaasik” bara 2019 magaalota garagaraa jahatti gaggeeffaman, daawwattootaa fi dhaggeeffattootaafkallattiin tamsaasuuf waliigaltee fi tumsa uuman.

Waliigalticha Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN Obbo Salamoon Dibaabaa fi Hoji Gaggeessituu Olaanaan Fiigicha Guddicha Itoophiyaa Daagimaawwiit Amaaree mallatteessaniiru.

Tumsi kun bara dorgommii 2019 guutumaatti magaalota dorgommiiwwan kunneen itti keessummeeffaman jahan keessatti seenaa fiigichaa, turizimii, jiruuf jireenya hawaasaa fi aadaa naannichaa bal’inaan beeksisuuf kan gargaaru ta’a jedhameera.

Sirna mallattoo waliigaltichaa irratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Salamoon Dibaabaa, “AMN dorgommiiwwan magaalota jahatti gaggeeffaman kana tamsaasuun isaa tattaaffii dhaqqabamummaa sadarkaa biyyaatti babal’isuuf taasisaa jiru keessatti gahee guddaa qaba jechuun ibsaniiru.

Addis Media Network (AMN), afaanota biyya keessaa fi afaanota idil-addunyaa adda addaa fayyadamuun, daawwattoota guutuu Itoophiyaa keessa jiran televiziyoona, raadiyoo, maxxansaafi miidiyaa dijitaalaa irratti walitti fiduun kan hojjetu ta’uu ibsan.

AMN dhaqqabamummaa isaa bal’aa fi filmaatilee gara garaa qabu fayyadamuun, magaalaa dorgommiiwwan itti keessummeeffaman hunda irraa seenaa, muuxannoo fi carraa gara daawwattoota biyyattii gara garaatti tamsaasuun dorgommiiwwan “Liwaqish Itoophiyaa Kilaasik” akka deeggaru himan.

Hoji Gaggeessituu Olaanaan Fiigicha Guddicha Itoophiyaa Daagimaawwiit Amaaree gama isaaniitiin, “Waliigaltichi Fiigicha Guddicha Itoophiyaa caalaatti beeksisuufi fiigicha naannolee keessatti qopheessinu uummataaf akka qaqqabu gochuuf carraa guddaa ni fida” jechuun ibsaniiru.

Fiigichi Guddichi Itoophiyaa, Ministeera Turizimii fi dhaabbilee michuu biroo waliin ta’uun, galmeen dorgommiiwwan Liwaqish Itoophiyaa Kilaasiik amma banamuu isaa beeksiseera.

Sagantaan dorgommiiwwan jahan walitti aananii gaggeeffaman kunniin, hirmaatta aadaa kutaalee Itoophiyaa bakka gara garaa jiran akka baraniifi muuxannoo haaraa akka argatan kan taasisu ta’a.

Yoomiifi Eessa?

Bara dorgommii 2019 magaalotni Fiigicha Guddicha Itoophiyaa Keessummeessan

• Dabra Birhaan — Amajjii 2, 2019

• Hawaasaa — Guraandhala 7, 2019

• Jimmaa — Ebla 3, 2019

• Boqqojjii — Caamsaa 15, 2019

• Arbaa Minc — Waxabajjii 20, 2019

• Harar — Adoolessa 11, 2019 keessummeessu.

Dorgommi fiigicha daandiirraa qofa osoo hin taane, tokkoon tokkoon magaalota kanneenii hawwattoota uumama adda addaa, aadaa badhaadhaa, seenaa, nyaata aadaa fi keessummeessummaa ho’aa Itoophiyaa waliin muuxannoo addaa qaban hirmaattonni ni qooddatu jedhameera.

Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply