AMN PLUS – Fulbaana 08/2019
Barri haaraa Itoophiyaa kan bara kanaa jijjiirama waggaa lakkoofsa guyyaan qofa ibsamu miti. Biyyi keenya fuula haaraa banattee, seenaa haaraa barreessiteetti; filatteetti, mari’attee, injifatteetti, akkasumas haaromsiteetti. Qormaanni carraa guddaatti jijjiirameera.
Cichoominaafi gadi of-qabanii ilmaan ishee hojjetanii, gaaddisni hiyyummaa waggoota dheeraaf ture akka hin deebineetti gaggeeffameera.
Waggoota muraasa jijjiiramaa darban keessatti qofa, milkaa’inoota waggoota kudhanootaan hin argatin turre hedduu galmeessisuu dandeenyeerra. Fagoo abjootuu, karoorsanii hojii jalqabuu fi saffisaan xumuruun aadaa hojii haaraa ijaarranneerra. Kunis mallattoo addaa biyya keenyaa fi mootummaa ishee ta’eera.
Har’a samii Itoophiyaa jalatti ifni qabatamaan mul’achuu danda’u ifee jira. Irree fi humnaan aangoo dabarsuu irraa bilisa ba’uun, “biyyoonni mootummaa isaanii kaardii ummataatiin qofa haa dhaabbatan” jedhu sagaleen gamaa gamana dhaga’amee jira.
Ummanni keenya guyyaa aduu keessa, halkan qorra keessa, dhukkuba isaa mo’atee, namni hunduu qaama isaaf tahu maaf hin filatiin jedhee wal kakaasuun waan barbaadu nutti himeera. Biyya isaa jabeesseera; dimokiraasii filateera.
Sirna marii biyyaalessaa keessatti ilmaan biyya keenya saboota gara garaa ta’an walitti dhufuun waa’ee biyya isaanii mari’ataniiru; yaadataniirus. Yaadota gaarii ta’uu amanan bilisaan dhiyeessaniiru. Gabaabumatti, lafa Itoophiyaa irratti bara kana goototni yeroo ammaa seenaa haaraa hojjetaniiru. Dhugaan kun abdii dhaloota keenya dagaagsee, seenaa warqee dhalootaa dhalootatti darbu kan itti boonnu katabeera.
Hin dhaabbannu! Hojii hedduun nu eeggata. Ni ariifanna; gufuuwwan keenya hunda jalaa utaalaa, fedhii fi abjuu biyya keenyaa gara milkeessuutti cichoominaan ni ceena. Biyya guddoo qabna; yeroo mari’annu ijaarra, yeroo ijaarrus mari’anna. Karaan keenya haaraan kan hunda injifataa taasise kunoo isa kana: mari’achuu, mari’achuu, mari’achuu.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti, olaantummaa seeraa sirna naamusaa cimaadhaan gaggeeffame cinaatti, mootummaan keenya lammiilee isaa balleessaa hojjetan araaraan simateera; hidhamtoota siyaasaa hedduu dhiifamaan gadhiiseera. Murteen kun tarkaanfii guddaa marsaa haaloo-baasuu cabsedha; biyyoonni hedduun hawwii irra turan, Itoophiyaan garuu galmaan ga’atteetti.
Mootummaan Ida’amuu murteen kun faayidaa waaraa biyya keenyaa argamsiisuuf gatii qaalii kaffalame ta’uu ni hubata. Dhiifamni utubaa ijoo mootummaa cimaa dha; murteen kun marii biyyaalessaa waliin walsimuun waliigaltee biyyaalessaa ni jabeessa. Obboloonni keenya gadhiifaman beekumsa fi dandeettii isaanii ijaarsa biyyaaf akka oolchan ni amanna; kunis Itoophiyaa boruuf bu’uura hin sochoone ni kaa’a.
Gama biroon waliigaltee siyaasaa fi hawaasummaa,Tasgabbiin siyaasaa biyya tokko keessatti fooyya’aa kan dhufu yeroo milkaa’inni diinagdee cimaa sadarkaa biyyaatti galmaa’uufi amantiin ummataa ijaaramudha. Itoophiyaan kana gooteetti.
Har’a guddinni diinagdee waliigalaa biyya keenya keessatti galmaa’aa jiru, guddina saffisaa fi bu’uura bal’aa qabu, dinagdee Afrikaa keessatti mul’atu keessaa tokkodha.
Dhugaa kana namni biyya keessaa yookaan alaa ta’e fedhii isaatiin amanee fudhata.Mootummaan Ida’amuu biyya abbaa ishee taatee, kabaja ishee eeggattee, gargaarsaaf harka namaa hin eeggatin, biyya abbaa-biyyummaa ishee tikfatte ijaaruuf damee hundaan carraaqeera.
Milkaa’inoonni ifa ta’an galmaa’aniiru. Seenaa keenya qamadii gargaarsa kennitootaa irraa eeggachuu xumuruun, qamadii bonaafi ganna oomishuun of danda’uu bira darbinee seenaa haaraa barreessineerra.
Waggaa waggaadhaan biiliyoona hedduutti lakkaa’aman biqiltuuwwan dhaabuun galmee keenya irra deddeebin fooyyeessineerra; eegumsa naannootiinis fakkeenya tumsa addunyaatiif taanee jirra.
Milkaa’inni kun biyya biraa keessatti raawwatame ta’ee, maal akka himame ture! Garuu nuti ilmaan abbootii goototaa injifannoo irra deddeebi’anii dhandhamatan waan taaneef, raawwanneerra.
Mul’anni keenya fagoo dha; karaa keenya Ida’amuudha. Yeroo walitti dabalamu bu’aa arganneerra; yeroo walitti qabamnu jabaanneerra.
Albuuda biyyoota biroo keessatti sababa walitti bu’iinsaa fi liqii biyya ta’an, nuti immoo badhaasa biyya keenyaa fi abdii biyya keenyaa taasifanneerra.

Pirojektoota humna haaromfamuu danda’uun naannoo walitti hidhan ijaarreerra; bifa magaalota keenyaa misooma koridarii ammayyaatiin jijjiirreerra. Konfiransii tuurizimiin babal’ateera; iddoowwan tuurizimii haaraa ijaarreerra.
Dhaala seenaa keenya durii illee dhukkee irraa qulqulleessinee gara boruutti ceesisneerra.Dhaloota yaadnee, Tarsiimoo Digital Ethiopia 2030 hojiirra oolchaa jirra.
Akkaataa hojii mootummaa ifaa fi saffisaa taasisuufis bu’uura kaa’ameera. Kana hunda caalaa, biyya keenya imaammata alaa dadhabaa irraa baasnee, faayidaa biyyaalessaa keenyaaf cichoominaan dhaabbanneerra; waltajjii addunyaa irrattis waan nuuf malu gaafanneerra.
Biyyi mootummaan ijaaraa jiru yaada Ida’amuu irratti kan hundaa’edha; xiyyeeffannoon isaas dhaabbilee cimaa ijaaruu irratti kan xiyyeeffate dha.Dhaabbileen haqaa, nageenyaa fi dimokiraasii keenyaa bu’uura cimaa qabaataniiru.
Mudhii keenya hidhachaa, gadi of qabnee hojii hojjechaa turuun, amma oljennee deemuu jalqabneerra. Har’a dandeettiin dhaabbilee biyya baatan, gara fuulduraa ilaalan, akkasumas jijjiirama sirna mootummaa irraa gara sirna biraatti ce’u danda’an uumamaniiru.
Waggoota muraasa darban keessatti, mootummaa jijjiiramaa wanta addaa isa ibsu beeksiseera; pirojektoota ni jalqaba, xumuree immoo ni eebbisiisa.
Kunis dhugaa ummanni keenya afaan isaatiin irra deddeebi’ee ragaa ba’udha. Warshaaleen cufamanii turan banamaniiru; dhaabbileen waggoota dheeraaf fakkeenya kasaaraa turan gara bu’aa argamsiisuutti ce’aniiru; invastimantii, al-ergii fi oomisha biyya keessaa bakka bu’u keessatti jijjiirama guddaa galmeessineerra.

Kana malees, guyyaa itti Hidha Haaromsaa Guddicha keenya xumurre irraa kaasee, Gubaa keessatti pirojektoota meeggaa haaraa Itoophiyaa gara fuulduraa murteessan, kanneen gatiin isaanii doolaara biiliyoona 30 ol ta’u, ummata keenyaaf labsineerra.
Wabii anniisaa mirkaneessuuf giddu gala niwukilaraa ijaaruuf waliigaltee haaraan mallattaa’ee hojii jalqabameera. Naannoo Somaalee keessatti qabeenya uumamaa Itoophiyaa ifa baasneerra. Pirojektootni calallii gaazii uumamaa halkanii fi guyyaa hojjetamaa jiru.
Buufatni xiyyaaraa Bishooftuu waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessu, gonfoo aviyeeshinii Afrikaa nuuf kaa’ee samii irratti nu moosisa.
Warshaan xaa’oo waggaatti doolaara biiliyoona tokko ol nuuf qusatu, oomishtummaa qonnaa mirkaneessuun qonnaan bultoota keenyaaf boqonnaa ta’a. Abdii keenya hedduudha.
Misoomni manneen jireenyaa miliyoona 1.5, kan jireenya namoota hedduu jijjiiru, dhaabbilee addunyaa waliin tumsa taasisuun hojii isaa jalqabee jira.
Ni milkeessina!Dubbatan Hojiirra Oolchuu; Waadaa Galanii Raawwachuun mootummaa Ida’amuu keessatti bu’uuraalee cimaa dhalootaaf kaa’amanidha.
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Fulbaana 08/2019
Finfinnee!