Prezidaanti Taayyeen Barreessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guutareez waliin mari’atan

AMN PLUS – Fulbaana 13/2019

Prezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’atan.

Qondaaltotni lameen Yaa’ii waliigalaa 81ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti marii taasisaniin, dhimmoota nageenyaafi tasgabbii naannawaa irratti mari’ataniiru.

Barreessaan Olaanaan Antooniyoo Guutareez, adeemsa Itoophiyaan misooma waaraa irratti taasisaa jirtu dinqisiifachuun, dhaabbanni isaanii UN tumsa Itoophiyaa waliin qabu caalmaatti akka cimsu mirkaneessuu isaan ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply