Finfinnee naannawaa Agamsaa (Markaatootti) manneen jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaarre – Aadde Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinnee naannawaa Agamsaa (Markaatootti) manneen jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaarre – Aadde Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Fulbaana 14/2019

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee naannawaa Agamsaa (Markaatoo) Qixal Taraatti manneen jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaaruun jiraattotaaf dabarsuu danda’uun ayyaantummaa guddaadha jechuun ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin naannawaan Qixal Taraa jedhamuun beekamu gara mandara magariisummaa, qulqulluufi kabaja lammiileef malutti jijjiiramuu danda’uu ibsaniiru.

Qixal Taraatti mana jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaarree, jiraattota naannichaa irraa kaafamanii turanif deebisnee kennineerra kan jedhan Kantiibaa Adaanech naannawichi duraan jireenyaaf mijataa akka hin turiin, kabaja ilma namaaf kan hin malle, baay’ee xuraa’aa, dhiphaa fi cufamaa ture jedhan.

Akkasumas mijataa tahuu dhabuu isaatiin balaa ibiddaa hamaan lubbuu namootaa itti dhabne turees kaasaniiru.

Har’a garuu, gamoowwan ammayyaa fi bareedoo, waan jireenyaaf barbaachisu hundaan guutuu ta’an, darbiiwwan 9 qaban, lakkoofsaan 9, manneen jireenyaa 960 ijaaramuun jiraattota duraan naannawichaa kaafamaniif deebifamee kennamuu kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Aadde Adaanech naannawichi gara bakka jireenyaa mijataa ta’etti jijjiirameeraas kaasuun “Mandarri Jireenyaa Gaarummaa Markaatoo”kun lafa meetira iskuweerii 11,000 irratti kan ijaarame yoo ta’u, bilookiiwwan sagal abbaa darbii 8, waliigalaan manneen jireenyaa 960 qaba jedhaniiru.

Dabalataan mandarichi suuqiiwwan daldalaa 371 carraa hojii bal’aa uumu,bakka daa’imman itti taphatan,iddoowwan ispoortii, kanneen akka dirree kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, kubbaa kachoo fi iddoowwan sochii qaamaa biroo itti hojjetan,bakka dhaabbii konkolaataa jiraattotaaf tajaajilu,bakka konkolaataa elektirikii itti chaarjessan, daandiiwwan asfaaltii keessa keessaa,

bilookiwwan salganirratti bakkeewwan tajaajila waloof oolan qabaachuu ibsaniiru.

Akkasumas liiftiiwwan,sarara daddabarsa bishaaniifi elektirikaa ammayyaa guutummaatti guutatee ijaaramuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Mandarri Jireenyaa Gaarummaa Markaatoo kun hojii jireenya namaa jijjiiruufi naannawaa Markaatootti maqaalee hin taane kanaan dura qaban gara naannawaa bareedaa fi mijataatti jijjiiruu danda’amuuf fakkeenya mul’ataadha jechuun Aadde Adaanech ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech “Jecha hojii irra oolchuu” jechuun kanumaas hubachiisuun naannolee rakkoo walxaxaa qaban gara bakka ilma namaaf malutti jijjiiruu, jiraattonni jireenya kabajaa akka jiraatan gochuu fi hojiiwwan jireenya isaanii jijjiiran boqonnaa tokko malee, 24/7, hojjechuun jiraattonni jireenya haaraa akka jalqaban taasisuu tahus ibsaniiru.

Giddu gala hojiiwwan keenya hunda nama irratti xiyyeeffachuun, magaalaan keenya bareedduu fi qulqulluu, akkasumas jiraattotaaf mijattu akka taatuuf, hojii keenya boqonnaa tokko malee hojjechuu caalmaatti cimsinee itti fufnaas kaasaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee namoota dandeettiifi qabeenya qabdan irraa qooddanii, bulchiinsa magaalaa keenyaa cinaa dhaabbachuun hojiiwwan gaarummaa irratti hirmaattan hunda, keessumaa Piroofeesar Sannaayit Fissahaa, akkasumas warra hojii ijaarsichaa keessatti hirmaattan hunda, maqaa jiraattotaatiin garaa guutuudhaan isin galateeffanna jechuun ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply