AMN PLUS – Fulbaana 14/2019
Afrikaanotni Biliyoona 1.6 ta’an Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaa haqa qabeessa dhabuun dhimma hatattamaan sirreeffamuu qabudha jedhan Pirezidaanti Taayyee Atsiqee-Sillaasee.
Walgahiin Waliigalaa 81ffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Niwuu Yoorkitti gaggeeffameera.
Pirezidaanti Taayyeen walgahicha irratti haasawaa taasisaniin, Itoophiyaan Mootummootni Gamtoomanii yeroo ammaa qormaata addunyaa mudachaa jiru dandeettii fooyya’aan akka furuuf, fooyya’iinsa bu’uuraa akka taasisu cimsitee gaafatti jedhaniiru.
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii walqixxummaafi haqa irratti kan hundaa’eefi dhugaa addunyaa jiru kan hubate ta’uun fooyya’uu akka qabu eeraniiru.
Afrikaan murteessummaa addunyaarraa yeroo dheeraaf loogamtee turuu yaadachiisanii manni maree nageenyaa haaromsa ariifachiisaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Pirezidaanti Taayyeen barbaachisummaa tumsa damdameessa ilaalchisee ibsa kennaniin, utubaaleen nageenya waloo guutummaatti osoo hin diigamiin, hawaasni addunyaa tarkaanfii murteessaa fudhachuun walitti bu’iinsa ittisuuf ciminaan hojjechuu akka qabu dubbataniiru.
Tumsi biyyoota hedduu meeshaa dippilomaasii salphaa qofa osoo hin taane, humna siyaasaa addunyaa dandamachuuf kan dandeessisuufi gaachana jiraataa walqixxummaa birmaddummaa irratti hundaa’e ta’uu ibsuu isaanii ENA’n gabaasera.
Itoophiyaan kabajni namummaa namootaa akka eegamu, haqni akka jiraatuufi walitti dhufeenyi cimaa uummattoota bilisaa ta’e akka jiraatuuf, kutannoo seena qabeessa qabdu cimsitee akka itti fuftu Pirezidaanti Taayyeen Walgahii Waliigalaa 81ffaa UN irratti ibsaniiru.