Imala guddinaa Itoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irraa gara Buufata Galaanaatti fuulleffate

You are currently viewing Imala guddinaa Itoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irraa gara Buufata Galaanaatti fuulleffate

AMN PLUS – Fulbaana 15/2019

Itoophiyaan bishaan dabalatee qabeenya uumamaa garaagaraafi humna namaa qabdu fayyadamuun carraa badhaadhina argachuuf mijataa ta’e yoo qabaatte illee, hanga har’aatti abjuu kana dhugoomsuu hin dandeenye.

Itoophiyaan abjuu ishee kana akka hin dhugoomsine dhimmoota gufuu itti tahan hedduu keessaa, dhiibbaafi tooftaa diinotni seenaa biyyattii jedhaman biyyattii irratti raawwachuuf isa ijoo ta’uu hayyoonni ibsu.

Diinotni seenaa biyyattii kunneen guddina, misoomaafi nageenya Itoophiyaa hin barbaanne waan ta’aniif, karaa adda addaatiin karoora biyyattiin badhaadhinaa fi guddinaa galmaan ga’uuf qabdu gufachiisaa turaniiru.

Sanadootni seenaa akka agarsiisanitti, diinotni seenaa kunneen gantoota keessa bobbaasuun nageenyaa fi misooma biyyattii danqu, saboota obbolaa ta’an dhimma sabaa fi amantaatiin walitti buusuufi bu’uuraalee misoomaa biyyattii barbadeessuu irraa kaasee, Itoophiyaa keessa mootummaan cimaa akka hin jiraanneef shira garaagaraa raawwachaa turaniiru.

Itoophiyaan buufata galaanaa yeroo dheeraaf itti fayyadamaa turte kan dhabde, gantoonni keessaa humnoota alaa waliin walta’iinsa uumanirraa kan ka’e ta’uu ibsameera.

Sababa kanaan Itoophiyaan har’a biyya “hidhaa teessuma lafaa” keessa jiraattu taateetti.

Biyyi kun Abbayyaa dabalatee laggeen gurguddoo, haroowwan, albuudota, biyyee lalisaa, qabeenya beelladaafi qabeenya uumamaa biroo hedduu kan qabdu ta’us, qabeenya ishee kana akka hin fayyadamneefi badhaadhina ishee akka hin mirkaneessineef dhiibbaa garaagaraa ishee irratti taasifamaa tureera.

Dhiibbaafi gufuuwwan Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabdu fayyadamuun akka hin guddanneef ishee mudatan keessaa Lagni Abbayyaafi Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa fakkeenya ijoo ta’aniiru.

Biyyi kun qabeenya uumamaan argatte kana irraa kan ka’e qormaata hedduu keessa darbuuf dirqamteetti.

Keessumaa Gibtsi, fedhii ofittummaa Lagaa Abbayyaa irratti fayyadama dhuunfaa qabaachuuf qabdu irraa ka’uun,kanneen akka Shaabiyaa, garee seeraan alaa TPLF fi Tsimdoo jedhaman fayyadamuun nageenyaa fi tasgabbii biyyattii jeequu bira darbee, damee dippiloomaasiitiinis dhiibbaa hedduu taasisaa turteetti.

Mootummaan jijjiiramaa, lammiilee biyyattii hunda waliin ta’uun, dhiibbaa fi shira garaagaraa keessatti ijaarsi isaa jalqabamee osoo hin xumuramin kan ture Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa cimsee xumuruun, ibsaa akka maddisiisuu fi naannawicha humnaan walitti hidhu akka danda’u taasiseera.

Mootummaan jijjiiramaa dhiibbaa garaagaraa diinota seenaa Itoophiyaatiin irraa ga’u dandamachuun, imala badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hojjechaa jiruun waggoota dhihoo asitti buufata galaanaa biyyattiin diinota seenaa jedhamaniin dhabde deebifachuuf kutannoon hojjechaa jira.

Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni miseensa BRICS ta’an, hoggantoonni biyyoota garaagaraa, hayyoonni, siyaasaafi dhaabbileen seeraa Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuu qabdi jechuun beekamtii kennaa jiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, Itoophiyaan uummata Miliyoona 130 ol qabdu, diinagdeen ishees saffisaan guddachaa jiru ta’uufi seenaa akkasumas seera idil-addunyaa irratti hundaa’uun karaa nagaan buufata galaanaa argachuuf mirga qabdu ibsanii, Itoophiyaan “hidhaa teessuma lafaa” keessa jirtuun hin haftu jechuun isaanii ni yaadatama.

Wandimmaageny Asaffaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply