Manni Maree Ministirootaa Yaa’ii Idilee 59ffaa Har’a Gaggeesseen Dhimmoota Gurguddoo Jaha Irratti Mari’atee Murtoo Dabarse

You are currently viewing Manni Maree Ministirootaa Yaa’ii Idilee 59ffaa Har’a Gaggeesseen Dhimmoota Gurguddoo Jaha Irratti Mari’atee Murtoo Dabarse

AMN PLUS – Fulbaana 18/2019

Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 59ffaa Taa’een Murtoowwan Garaagaraa Dabarseera.

Haaluma Kanaan Manni Marichaa Jalqabarratti Kan Mari’ate Wixinee Labsii Gurmaa’iinsa, Aangoofi Hojii Qaamolee Raawwachiistuu Murteessuuf Baherratti.

🔜Heera Mootummaa FDRI Fi Seera Filannoo Hordofee Filannoo Biyyaalessaa Waggaa Shan Shaniin Gaggeeffamu Hordofee Bu’uura Keeyyata Heera Mootummaa 56’n Aangoofi Gochaa Qaamolee Raawwachiistuu Haaraa Gurmeessuun Kan Eegamu Waan Ta’eef, Filannoo Biyyaalessaa Bara 2018 Gaggeeffame Hordofee Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Federaalaa Bifa Haaraan Hundeessuuf Wixineen Qophaa’ee Mana Marichaaf Dhiyaateera.

Manni Marichaas Wixinee Dhiyaaterratti Bal’inaan Mari’achuun Galtee Itti Dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf Akka Darbuuf Sagalee Guutuun Murteesseera.

🔜Itti Aansuun Manni Marichaa Wixinee Labsii Bulchiinsa Daataa Biyyaalessaa Irratti Mari’ate.

Galmoota Ce’umsa Diijitaalaa Milkeessuuf, Nageenyaafi Birmadummaa Daataa Mirkaneessuuf, Daddabarsa Daataa, Wal Simuu Fi Irra Deebiin Itti Fayyadama Daataa Cimsuun Tajaajiloota Mootummaa Ammayyeessuuf, Qorannoofi Dandeettii Kalaqaa Hubannoo Namtolchee Guddisuuf, Guddina Innooveeshiniifi Diinagdee Diijitaalaa Saffisiisuufi Sirna Misooma Diinagdee Daataan Hogganamu Ijaaruuf Wixineen Labsii Kun Qophaa’uun Mana Marichaaf Dhiyaateera.

Manni Marichaas Wixinicha Irratti Bal’inaan Erga Mari’ateen Booda Galteewwan Itti Dabaluun Mana Maree Bakka Bu’ootaaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera.

🔜Manni Marichaa Itti Aansuun Kan Mari’ate Wixinee Labsii Waliigaltee Liqaa SDR Miliyoona 100 Fi Miliyoona 45 Hojiirra Oolmaa Pirojektii Ammayyeessa Boqonnaa Jalqabaa Riifoormii Sektara Anniisaafi Invastimantiif Kan Oolu Waldaa Misoomaa Idil-Addunyaa Waliin Mallatteeffame Raggaasisuuf Qophaa’e Irratti.

Manni Marichaas Waliigaltichi Imaammata Liqaa Biyyattii Waliin Kan Walsimu Ta’uu Mirkaneessuun Wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera.

🔜Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 59ffaa Taa’een Itti aansuun Fooyya’iinsa Dambii Gibira Galii Federaalaa:Iftoomina fi saffisa bulchiinsa gibiraa fooyyessuuf, akkasumas Dambii Gibira Galii Ministeerotaa Lakkoofsa 410/2009 Seera Gibira Galii Federaalaa Lakkoofsa 979/2008 waliin akka walsimuuf fooyya’iinsi dambii qophaa’erratti mari’ateera.

Mana Marichis irratti mari’atee, yaada dabalataan gabbisuun, Gaazexaa Negaaritii Federaalaarratti maxxanfamee guyyaa itti bahe irraa eegalee hojii irra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

🔜Fooyya’iinsa Dambii Gibira Dabalata Gatii (VAT):

Namoonni gibira daballii gatii (turnover tax) kaffalaa turan, gibirri kun erga haqamee booda VAT irratti akka galmaa’anii gibira kana akka sassaaban gochuuf fooyya’iinsi dambii qophaa’e. Akkasumas, meeshaalee fi tajaajiloota bu’uuraa hawaasaaf dhiyaatan tokko tokko irratti gibirri jiru dhiibbaa geessisaa waan tureef, isaan gibira irraa bilisa gochuuf fooyya’iinsi dhiyaatera.

Mana Marichaas erga irratti mari’atee booda, dambichi Gaazexaa Negaaritii Federaalaarratti maxxanfamee guyyaa bahe irraa eegalee hojii irra akka oolu murteesse.era

🔜Dhumarrattis Fooyya’iinsa Seera Raayyaa Ittisaa:

Raayyaan Ittisaa heera mootummaa, keessumaa Keewwata 87, jalatti kennameef ergama biyyaalessaa seeraan akka raawwatuuf Seera Raayyaa Ittisaa Lakkoofsa 1286/2015 fooyyessuun barbaachisaa ta’uu irratti mari’ateera.

Manni Marichaas wixinee fooyya’iinsaa irratti bal’inaan mari’atee, yaada dabalataan gabbisuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka darbu sagalee guutuun murteessuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply