AMN PLUS – Fulbaana 19/2019
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammudiin simataniiru.
Waajjirri Ministira Muummee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaan dabarseen, Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad har’a ganama buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti argamuun Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud simachuu ifoomsera.